Fakkeenya27gaz_bib
1Ati waaʼee boriitiin hin boonin;waan guyyaan fidu hin beektuutii.2Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin;namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.3Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha;tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.4Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa;hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?5Jaalala dhokfamee mannaaifannaa ifatti baʼe wayya.6Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha;dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.7Namni quufe damma illee ni balfa;kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.8Namni mana isaatii badu tokko,akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.9Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu;gorsi michuus garaa nama ciibsa.10Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin;obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.11Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi;ergasii ani nama na tuffatu hundaafdeebii kennuu nan dandaʼa.12Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.13Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.14Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhateeollaa isaa yoo eebbisewanni sun akka abaarsaatti fudhatama.15Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaadhimmisaa ooluu ti;16ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu tiyookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.17Akkuma sibiilli sibiila qaru,namni tokko nama kaan qara.18Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata;namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.19Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sanagaraan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.20Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan;iji namaas akkasuma.21Okkoteen waa itti baqsan meetiif;boolli ibiddaa immoo warqeef;namni immoo ulfina argatuun qorama.22Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu,akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu,ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.23Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki;loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;24soorumni bara baraan itti hin fufuutii;gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.25Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqileemargi tulluu irraa walitti qabamutti,26xobbaallaawwaniin daara baata;reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.27Ati ofii keetii fi maatii kee,xomboreewwan kees ittiin jiraachisuufaannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.