Kitaaba Fakkeennaa24gax_twf

Kudhanii Sagaleessoo

1Namoota hamoolee hin hinaafin;jaalummaa isaanii hin halchin.2Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada;afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata.

Diddameessoo

3Manni qarumma'aan ijaarama;hubantiille'een jabeeffama.4Beekkumsaan kollooti mana saniimeya gatii guddo'ootii fimeya dadansa'aan guutaman.

Diddamii Tokkeessoo

5Nami qaroon hunna jadduu qaba;nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata.6Lolaaf bayiisaaf qajeelcha,injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa.

Diddamii Lammeessoo

7Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti;inni addee mari'ii keessattiafaan ifii hin saaqatu.

Diddamii Sadeessoo

8Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu,inni, «Malticha» jedhamee beekkama.
9Malli gowwa'aa cubbu'u;namooti nama murgu hin jibban.

Diddamii Arfeessoo

10Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante,jabeenni keeti attam attam diqqa'a!

Diddamii Shaneessoo

11Worra gara du'aa geeffamanu baasi;worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi.12Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette,ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree?Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree?Inni nama tokko tokkoofuuakka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree?

Diddamii Jayeessoo

13Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef,damma nyaadhu;nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti.14Qarummaalle lubbuu teetiifakkuma san akka mi'oottu beeki;ati yoo isii dhaggatte,gara fuula duraa addii qadda;addiin teetille hin baddu.

Diddamii Torbeessoo

15Akka nama hama'aamana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin.Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in.16Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a;nami hamaan ammoo badii keessa bu'a.

Diddamii Saddeetessoo

17Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin;yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin.18Itti gammadiisa keeti yoo dhagge,Mootiin Waan Maraa hin jaalatu;aarii ifii isa irraa hin deebisa.

Diddamii Sagaleessoo

19Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin;yookiin hamoolee hin hinaafin.20Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu;issaan nama hama'aalle hin dhaama.

Soddomeessoo

21Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu;worra finqilaa woliin jaala hin te'in.22Mootiin Waan Maraatii fi mootichidedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan;badii isaan fidanu eentu beeka ree?

Jecha Qaro'oo Ka Dhibii

23Isaan kunille jecha qaro'oo ti:Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti.24Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu,kolbaan hin abaarti;gosi biyya adda addaalle hin jibbiti.25Worra nama hamaa xixuuf ammoowonni dansaan hin teeti;eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a.26Deebii dhuga'aa deebisuun,akka sunqaa hidhi'ii ti.27Hujii alaa fixadhuu,fichaa keeti qopheeffadhu;achiin duuba mana keeti ijaaradhu.28Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayinyookiin hidhii teetiin nama hin sobin.29Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha;gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin.30Ani fichaa nama booseyaa keessa,oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qanneekeessa dabaree deeme.31Addee mara qoreen itti latteerti;shuqunaan lafa golliteerti;dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera.32Ani waan kana ilaalee itti yaadee,waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe:33Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii,yennaa diqqoo isi'ii mugii,foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'iiharka wol irra naqadhu.34Garuu hiyyuun akka saantu'uu,beelti akka nama meya lolaa hidhateesitti hin dhufan.