1Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti,waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali;2ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte,qoonqoo kee irra billaa kaaʼi.3Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf,miʼaa isaatti hin gaggabin.
Jecha saddeettaffaa
4Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin;of qabuufis ogummaa qabaadhu.5Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada;inni dhugumaan Baallee baafateeakkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.
Jecha saglaffaa
6Buddeena doqnaa hin nyaatin;cidha isaas hin kajeelin;7inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii.Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha;garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.8Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda;dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda.
Jecha kurnaffaa
9Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuufati nama gowwaatti hin dubbatin.
Jecha kudha tokkoffaa
10Dhagaa daangaa durii hin dhiibinyookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin.11Furiin isaanii jabaadhaatii;inni gara isaanii goree sitti falma.
Jecha kudha lammaffaa
12Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoogara dubbii beekumsaatti deebifadhu.
Jecha kudha sadaffaa
13Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.14Arcummeedhaan isaan adabiitiilubbuu isaanii duʼa oolchi.
Jecha kudha afraffaa
15Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe,garaan koo ni gammada;16yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate,keessi koo baayʼee gammada.
Jecha kudha shanaffaa
17Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin;garuu yeroo hunda Waaqayyoon sodaadhu.18Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda;abdiin kees hin citu.
Jecha kudha jaʼaffaa
19Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi;qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.20Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganittiyookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;21machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu;hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.
Jecha kudha torbaffaa
22Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.23Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin;ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.24Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.25Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan;isheen si deesse sun haa ililchitu!