1Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu,waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali.2Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle,ifi qabadhu.3Sagaleen sun waan si sodduuf,mi'aan isi'ii si hin joljolsin.
Torbeessoo
4Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin;ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu.5Durummaan akka risaa koolaan ka'uu,haga lipheettii ilaatitti,nama duraa baduu hin dandeetti.
Saddeetessoo
6Sagalee nama donnaa hin nyaatin;mi'aan isi'ii si hin joljolsin.7Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti;inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha;gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru.8Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda;dubbii galataa teetille hin balleessita.
Sagaleessoo
9Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf,gowwa'atti hin dubbatin.
Kudhaneessoo
10Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussinyookiin fichaa ijoollee abbaa hin qanneemeessaa hin dabarin.11Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef,inni isaaniif hin falmata.
Kudhanii Tokkeessoo
12Qalbii teeti gara gorsaa,gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu.
Kudhanii Lammeessoo
13Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin;kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu.14Ati yoo kuta'aan isaan dhaante,lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta.
Kudhanii Sadeessoo
15Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete,gadhaan kiyya hin gammada.16Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu,keessi kiyya guddoo gammada.
Kudhanii Arfeessoo
17Yennaa mara Mootii Waan Maraasodaatiisaaf hinaaf malee,cubbaaleyyi'itti hin hinaafin.18Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda;addiin teetille hin baddu.
Kudhanii Shaneessoo
19Ilma kiyya, caqasi;qaroolle te'i;qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu.20Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fiworra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin.21Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan;hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa.
Kudhanii Jayeessoo
22Abbaa keeti ka si uume dhage'i;haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.23Dhuga'aa fi qarummaa,gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin.24Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba;ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.25Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti;haati si deette akka malee gammadduu ti.