Fakkeenya22gaz_bib
1Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha;kabajamuunis meetii fi warqee caala.2Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha:Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.3Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.4Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun,qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.5Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira;namni lubbuu isaa eeggatu garuuwaan kana irraa fagaatee jiraata.6Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.7Sooressi hiyyeessa bulcha;liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.8Namni hammina facaasu rakkina haammata;uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.9Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduufofii isaatii ni eebbifama.10Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa;wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.11Nama qulqullina garaa jaallatuu fidubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.12Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala;inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.13Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira!Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.14Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha;namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.15Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.16Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedheehiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.