Kitaaba Fakkeennaa22gax_twf
1Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya;meeti'ii fi worqii caalaafudhatama qabaachuu woyya.2Isaan lamaanuu ka dade,Mootii Waan Maraa waan te'eef,dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e.3Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata;nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.4Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiiskarra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.5Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira;nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata.6Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi;yennaa dulloomanelle isaankaraa san irraa hin goranu.7Dureessi hiyyeessa bulcha;ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a.8Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata;uleen aarii isaalle hin baddi.9Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf,nami arjaan hin eebbifama.10Nama murgu gad baasi;wol dhabille hin baya;lolli, arrabille hin jiraatu.11Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu,jaala mooti'ii hin te'a.12Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi;dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa.13Nami booseyi, «Neenqi ala jira!Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha.14Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti;nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a.15Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti;uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.16Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu,ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan.