Kitaaba Fakkeennaa21gax_twf
1Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira;inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa.2Namatti hujiin inni huju martinuusirrii isatti fakkaatti;Mootiin Waan Maraa ammooyaada isaa hin madaala.3Balchumma'aa fi haqa hujuun,ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa birattifudhatama qaba.4Ifi jajiis, bondhooriisii fihujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u.5Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa;jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa.6Karri arraba sobaatiin horatane,akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fiakkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti.7Namooti hamaaleyyiinwaan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf,hunnaan nama irratti ka'iis isaaniihaxowee isaan hin baleessa.8Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a;karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a.9Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa,roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.10Nami hamaan waan hantuu halcha;eennulle'eef marartii hin qabu.11Nami murgu yennaa adabamu,nami gowwaan qarummaa dhaggata;nama qaroo yennaa barsiisane,beekkumsa dhaggata.12Waaqi balchaan,waan mana worra hama'aa keessattihujamiisatti jiru hin beeka;worra hamaa san badii itti hin fida.13Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne,innille rakkattee yennaa iyyu,nama isa qarqaaru hin dhaggatu.14Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa;safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle,aarii guddoo hin qabbaneessa.15Haqi yennaa hujamu,worra balchoota hin gammachiisa;worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa.16Nami karaa hubanti'ii irraa goru,yaa'ii worra du'ee keessa bu'a.17Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata;nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu.18Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti,nami hin addatannellefarra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala.19Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa,goomolee keessa le'iisa woyya.20Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata;nami gowwaan waan qabu mara balleessa.21Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu,jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata.22Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata;kushee isaan itti addatanulle hin diiga.23Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu,rakkinna irraa ifi eegata.24Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u,«Ka namatti murgu» jedhama;inni kooraan guutameera.25Harki isaa hujii waan jibbuuf,nami booseyi kajeella'aan du'a.26Inni guyyaa guutuu kajeela;nami balchaan ammooharka keessa adoo hin qabatin kenna.27Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba;yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba.28Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi;dhugaa bayi dhugaamessaa ammoohaga bara baraa hin jiraatti.29Nami hamaan mataa jabaata;nami qajeelaan ammoo marroohujii ifii itti yaadata.30Qarummaan, hubanti'ii fikaroorri Mootii Waan Maraaifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu.31Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan;ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.