1Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte,ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte,2gurra keeti gara qarumma'aa yoo qabatte,gadhaa keetille gara hubanti'ii yoo deebifatte,3beekkumsa guddaa yoo waammatte,hubanti'iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,4akka meeti'ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu,qarummaa yoo barbaadde,5ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta;beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.6Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.7Inni worra qajeela'aaf, qarummaa kenna;worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te'a.8Inni daandii haqaa hin toowata;karaa worra isaaf addatamuulle hin eega.9Achiin duuba ati balchumma'aa fi haqa,waan dhugaa te'ee fi daandii dansaa mara hin hubatta.10Qarummaan gara qalbii teetii waan dhuttuuf,beekkumsi si gammachiisa.11Qalbeeffatiis si hin eeddi; hubatiisille si hin toowatti.12Qarummaan karaa worra hama'aa irraa,worra dubbii micciiru irraa si hin dhooggiti;13worri akkasii kun karaa dukkanaa ideemiisaaf,daandii qajeelaa worra lakkisu;14waan hantuu godhiisatti worra gammadu;micciiramummaa hamaaleyyi'iitittiworra firinxiixu;15karaan isaanii micciirama'a;ideensi isaaniille daddaba'a.16Qarummaan dubartii gaarayyeeffattuu,ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattujalaa si baachi.17Dubartiin tun dhirsa dargagumma'aanheerumte lakkittee,waadaa Waaqa duratti galte deeteerti.18Manni isi'ii gara du'aa,daandiin isi'ii gara ekera'aa geessa.19Worri gara isi'ii dhaqu hin deebi'uyookiin daandii jiru'uu hin dhaggatu.20Maarre ati karaa namoota dansa'aahin ideenta; daandii balchootaa irraaakka hin gorre hin eegatta.21Worri qajeelaan lafa irra hin le'an;worri yakkaa hin qannelleisii keessatti hin hafan.22Worri hamaan ammoo lafa irraa hin bada;worri hin addatanne isii irraa hin buqqa'a.