Fakkeenya19gaz_bib

1Gowwaa daba dubbatuu mannaahiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.2Namni beekumsa hin qabne gaarii miti;miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.
3Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa;garaan isaa immoo Waaqayyotti aara.
4Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.
5Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.
6Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.
7Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu;yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree!Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuuisaan eessattuu hin argaman.
8Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.
9Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;namni soba odeessus ni bada.
10Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu;yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaafhammam caalaa haa hammaatu ree?
11Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf;balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.
12Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti,surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.
13Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa;niitiin nyakkiftunisakka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.
14Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
15Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa;namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.
16Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata;kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.
17Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa;Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.
18Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
19Namni dafee aaru adabamuu qaba;ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.
20Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;dhuma irratti ati nama ogeessa taata.
21Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.
22Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
23Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa;yoos namni boqonnaadhaan jiraata;rakkinnis isa hin argatu.
24Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;gara afaan isaattis hin deebifatu!
25Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa;nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.
26Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
27Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi;ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.
28Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata;afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.
29Qoostotaaf adabbii,dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.