Fakkeenya18gaz_bib
1Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;murtii dhugaa hundaanis ni morma.2Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.3Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;salphinnis qaanii wajjin dhufa.4Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.5Gara nama hamaa goruunyookaan nama balleessaa hin qabnemurtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.6Hidhiin gowwaa lola fida;afaan isaas rukutamuu itti waama.7Afaan gowwaa badiisa isaa ti;hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.8Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;gara kutaa garaattis gad buʼa.9Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,obboleessa nama waa balleessuu ti.10Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha;namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.11Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.12Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.13Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,gowwummaa fi qaanii dha.14Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?15Garaan nama hubataa beekumsa argata;gurri ogeessaas waan kana barbaada.16Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.17Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokkodhugaa qabeessa fakkaata.18Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.19Obboleessa yakkame tokko deebisuunmagaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.20Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;dubbii arraba isaatiinis ni guuta.21Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.22Namni niitii argatu waan gaarii argata;fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.23Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.24Namni michoota baayʼisu ni bada;garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.