Kitaaba Fakkeennaa18gax_twf

1Nami nama woliin wolii hin galle,fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada;muraa haqaa maraayyuu hin morma.2Nami gowwaan yaada ifii qofaanamatti mudhisuu barbaada malee,hubanti'itti hin gammadu.3Hammeenni yennaa dhufu,tuffatamiisille hin dhufa;salphinnalle woliin qaani'itti dhufa.4Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile'ee ti;maddi qarumma'aa ammoo akka bisaan yaa'uu ti.5Nama hama'aaf goluun,yookiin nama yakkaa hin qannehaqa dhoogguun dansa'aa moti.6Haasonni nama gowwa'aa lola isatti kaasa;afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.7Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa;afaanuma isaatittuu akka tiyyo'oo isa qaba.8Dubbiin nama nama hamatuuakka sagalee mi'oottu'uu ti;isiin gara qochumaanii gad hin buuti.9Nami huji'itti booseyuobboleessa nama wo balleessuu ti.10Mootiin Waan Maraaakka xelleephoo jaddu'uu ti;worri balchooleenitti baqatanee bayan.11Qabeenni dureeyyi'ii isaaniifakka qachaa dalleya dhaka'aa jabaa qabuu ti;isaan akka dalleya dheera'aatittiisa hedatan.12Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;ulfinnaan dura ammoogad ifi qabiisatti dhufa.13Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun,gowwumma'a;fokko'olle'e.14Yaadi namaa dhibee hin ossata;yaadi yoo cabe ammooeentu isa fayyisuu dande'a ree?15Qalbiin nama hubata'aa beekkumsa dhaggatti;gurri nama qaro'oolle beekkumsa barbaada.16Kennansi nama isa kennuuf karaa bana;fuula worra gugurda'aa dura isa dhikeessa.17Nami isa mormu dhufee haga isa mormutti,nami dura dhufee dubbii ifii yaa'i'itti dhikeeffatu,waan sirrii te'e fakkaata.18Hixaa buufatiis moromaa qabbaneessa;wol mormitoota jajjadduu lamaan gargar baasa.19Obboleessi yakkaan irratti hujameqachaa dalleya dhaka'aa qabu caalaa jabaata.Moromaan akka danqaraa sibiilaaka karra dalleya dhaka'aa ittiin cufanuu ti.20Nami bu'aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa;dubbii arrabi isaa dubbattelle'een dharraa baya.21Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba;worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata.22Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;Mootii Waan Maraa biralle'ee fudhatama dhaggata.23Hiyyeessi marartii dhaggatiisaaf gaafata;dureessi ammoo jabeennaan deebii kenna.24Jaaloti gariin nama balleessiti;jaaloti obboleessa caalaanamatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.