Kitaaba Fakkeennaa17gax_twf

1Mana waan nyaatanuun guutamee,wol dhaba qabuu mannaa,daabboo godduu nageyaa woyya.2Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a;inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliinakka obboleessaa dhaala hin qoodama.3Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala;Mootiin Waan Maraa ammoogadhaa namaa haga ilaala.4Nami hamaan waan hantuu caqasa;nami dharaamessi dubbii dharaamessaamiidhassee caqasa.5Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu,ka isaan dade arrassa;nami badii namaatitti gammadu,adoo hin adabamin hin hafu.6Ilmaan ilmaan isaaniimaanguddootaaf kallacha isaanii ti;worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.7Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu;dubbiin dharaa irra caala'aayyuubulcha'aaf hin teetu.8Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti;addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti.9Nami yakkaa namaaf araaramu,jaala qabaata.Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoojaalota gargar baasa.10Gowwaan yennaa dhibba dhaanameeka itti dhage'amu caalaa,xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama.11Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada;isa loliisaafergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama.12Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jiruttidhaqiisa mannaa,doobbaa dhalaailmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya.13Nami waan dansaa isaaf godhaneef,waan hantuu yoo deebise,wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu.14Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti;tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi.15Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa finama balcha'atti muriisa,lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba.16Gowwaan qarummaadhaggatiisaaf eega hin halchinee,beeseen inni harka ifiitii qabumaan isaaf gooti ree?17Jaalli yennaa mara si jaalata;obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata.18Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf,namaan harka wol dhowata;ollaa ifiitiifille wobii dabara.19Nami lola jaalatu cubbuu jaalata;nami ifi jaju badii ifitti waama.20Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu;nami nama sobulle rakkoo keessa seena.21Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida;abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu.22Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti;yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.23Nami hamaan haqa dassiisaaf,dhossa'aan safuu fudhata.24Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti;ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti.25Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida;haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.26Nama yakkaa hin qanne adabuun,yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuundansa'aa moti.27Nami beekaan dubbii qusata;nami hubataalle hin sarma.28Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata;afaan ifiille yoo qabateakka hubata'aatitti ilaallama.