Fakkeenya15gaz_bib
1Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;jechi hamaan garuu aarii kakaasa.2Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja;afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.3Iji Waaqayyoo idduma hunda jira;nama hamaa fi gaariis ni toʼata.4Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti;arrabni sobu garuu hafuura cabsa.5Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata;namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.6Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba;galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.7Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa;garaan nama gowwaa garuu akkas miti.8Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa;kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.9Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa;warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.10Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata;kan sirreeffama jibbu ni duʼa.11Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha;yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree!12Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu;nama ogeessaanis hin mariʼatu.13Garaan gammadu akka fuulli ifu godha;gaddi garaa garuu hafuura cabsa.14Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada;afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.15Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha;garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.16Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.17Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa,jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.18Namni dafee aaru lola kakaasa;namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.19Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama;daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.20Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.21Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa;namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.22Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu;garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.23Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata;dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!24Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneefgara jireenyaatti ol isa baasa.25Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga;daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.26Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa;yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.27Namni doqni maatii isaatti rakkina fida;kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.28Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada;afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.29Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira;kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.30Fuulli ifaan garaa gammachiisa;oduun gaariinis lafee haaromsa.31Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu,ogeeyyii gidduu jiraata.32Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata;kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.33Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa;gad of qabuunis ulfina dura dhufa.