Fakkeenya14gaz_bib
1Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.2Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata;kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.3Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida;arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.4Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa;garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.5Dhuga baatuun amanamaan hin sobu;dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.6Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu;nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.7Ati nama gowwaa irraa fagaadhu;arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.8Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha;gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.9Gowwoonni cubbuutti qoosu;qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.10Garaan gadda ofii isaa ni beeka;namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.11Manni nama hamaa ni bada;dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.12Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.13Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa;gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.14Namni hin amanamne gatii karaa isaa,namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.15Namni homaa hin beekne waan hunda amana;namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.16Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa;gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.17Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta;namni daba hojjetu garuu ni jibbama.18Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala;qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.19Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti,jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.20Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu;sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.21Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta;kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.22Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fiamanamummaa argatu.23Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.24Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti;gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.25Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara;dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.26Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba;ijoolleen isaas daʼoo argatu.27Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti;kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.28Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti;yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.29Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.30Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;hinaaffaan garuu lafee tortorsa.31Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata;namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.32Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu;qajeeltonni garuu duʼa keessatti illeeamanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.33Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti;garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.34Qajeelummaan saba ol guddisa;cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.35Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada;kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.