Fakkeenya13gaz_bib
1Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.2Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada;namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.3Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.4Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu;fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.5Namni qajeelaan soba jibba;namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.6Qajeelummaatu nama tolaa tiksa;hamminni garuu cubbamaa galaafata.7Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu;tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.8Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa;hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.9Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa;ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.10Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuuwarra gorsa dhagaʼan biratti argamti.11Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.12Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.13Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida;kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.14Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.15Hubannaan gaariin surraa argamsiisa;karaan warra hin amanamnee garuubadiisatti isaan geessa.16Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta;gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.17Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena;ergamaan amanamaan garuu fayyina fida.18Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas;kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.19Hawwiin guutame namatti miʼaawa;gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.20Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa,michuun gowwootaa garuu ni miidhama.21Wanni hamaan cubbamoota ariʼata;badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.22Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa;qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.23Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa;murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.24Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.25Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata;garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.