Kitaaba Fakkeennaa13gax_twf

1Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.2Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa,waan dansaa dhaggata;worri hin addatanne ammoohunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.3Nami afaan ifii eegatu,jiruu ifii eegata;ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.4Nami boosenni hin halcha maleewomaa hin dhaggatu;nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.5Nami balchaan dhara jibba;nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.6Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.7Nami womaa adoo hin qabaatindureessa ifi fakkeessu tokko jira;ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuuhiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.8Nami dureessi karra ifiitiinjiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a;nami hiyyeessi ammookarra waan hin qanneef,jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.9Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa;issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.10Ifi jajiis lola qofa kaasa;qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.11Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi;ka diqqeessee diqqeesseekuufate ammoo itti ede'ata.12Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;halchaan muummotte ammoomidhaan muka jiru'uu ti.13Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida;nami ajaja ulfeessuammoo gatii irraa dhaggata.14Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti;tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.15Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti;karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.16Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata;gowwaan ammoo gowwummaa ifiibadhinnatti mudhisa.17Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala;ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.18Nama qajeelfama tuffatuhiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa;nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.19Halchaan muummottu namatti mi'ootti;gowwooleen ammoowaan hantuu irraa deebi'iisa jibban.20Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a;waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.21Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti;qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.22Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiifdhaala lakkisee dabara;qabeenni cubbaalessaa ammoobalcha'aaf kuufama.23Fichaan nama hiyyeessaamidhaan bacaa kennuu dande'a;haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.24Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.25Nami balchaan haga quufutti nyaata;nami hamaan yennaa mara beelota.