Fakkeenya12gaz_bib

1Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.2Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata;Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.
3Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;qajeelaan garuu hin buqqifamu.
4Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
5Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.
6Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuufriphee nama eeggata;haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.
7Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.
8Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.
9Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.
10Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.
11Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.
12Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.
13Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.
14Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.
15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
16Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.
17Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.
18Dubbiin of eeggannaa hin qabneakkuma goraadee nama waraana;arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
19Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
20Garaa warra waan hamaa malatanii keessagowwoomsaatu jira;warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.
21Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;hamoonni rakkinaan guutamu.
22Waaqayyo arraba sobu ni jibba;warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
23Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.
24Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.
25Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
26Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.
27Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.
28Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;daandii sana irra duuti hin jiru.