Kitaaba Fakkeennaa11gax_twf
1Mootiin Waan Maraa madaala sobaa jibba;dhakaa madaalaa ka sirrii te'etti gammada.2Koorri yennaa dhufu,salphinni hin dhufa;gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.3Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman;worri hin addatanne ammoomaltumma'aan badan.4Guyyaa mura'aa durummaan bu'aa hin qaddu;balchummaan ammoo du'a irraa si hamburti.5Worra komii hin qannebalachummaan karaa isaanii qajeelchiti;worri hamaan ammoohammeennuma ifiitiin jiga.6Nama qajeelaabalchumma'atti isa baasa;worri hin addatanne ammoohalchuma ifii hantu'uun qabaman.7Nami hamaan yennaa du'u,addiin isaalle hin baddi;durummaan inni addatuwomaa isaaf hin baatu.8Nami balchaan rakkoo jalaa hin baya;nami hamaan ammooaddee isaa rakkinnatti hin gala.9Nami hamaan dubbii afaan ifiitiin nama balleessa;nami balchaan beekkumsa ifiitiin baya.10Worra balcha'aaf yennaa milkoottu,kolbaan qacha'aa hin firinxiixi.Worri hamaan yennaa badu,isaan hin ilillisan.11Eebba worra balcha'aatiin qachaan tokko guddata;dubbii afaan worra hama'aatiin ammoo hin bada.12Nami qalbii hin qanne nama tuffata;nami qalbii qabu ammoo cadhi jedha.13Nami hamatu dhossaa eegee hin dande'u;nami addatamaan ammoo dhossaa eega.14Gorsitooti yoo hin jiraatinmootummaan takka hin jiddi;gorsitooti hedduun yoo jiraatte ammoonageyaan jiraatti.15Nami alaga'aaf wobii te'u hin rakkata;nami wobii te'iisa jibbu ammoonageyaan hin jiraata.16Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti;worri hunnaan nama irratti ka'u ammoodurummaa qofa dhaggata.17Gadhi-laafessiifumaaf bu'aa dhaggatta;gadhi-jabeessi ammooifuma miidha.18Nami hamaan bu'aa isa sobu dhaggata;nami balchumma'aan huju ammoogatii addachiittuu dhaggata.19Nami dhugumaan balchaa te'e jiru'uun hin le'a;nami waan hantuu ari'u ammoo hin du'a.20Mootiin Waan Maraaworra yaada micciirama'aa jibba;worra komii hin qannetti ammoohin gammada.21Dhugumaan nami hamaanadoo hin adabamin hin hafu;worri balchaan ammooadabbii jalaa hin baya.22Dubartiin shaggittiin qalbii hin qanne,akka qubee worqi'iita funnaan booyye'ee irra jirtuu ti.23Halchaan nama balcha'aawaan dansaa qofaan muummotti;halchaan nama hama'aa ammoomufi'iin muummotti.24Nami gariin toluma karra ifii namaaf kenna;ammoo irra caalaa duroomaa deema;nami gariin akka malee donnooma;ammoo hiyyoommataatuma deema.25Nami arjaan hin durooma;nami dheebuu nama baasulleifille'eef dheebuu hin baya.26Nama midhaan kuufatee tursukolbaan hin abaarti;nami midhaan baaseegurguratu ammooeebba dhaggata.27Nami waan dansaa jabaatee barbaadu,waan dansaa dhaggata;nami waan hantuu barbaadu ammoowaan hantuu dhaggatta.28Nami durummaa ifiititti addatu hin jiga;nami balchaan ammooakka baala jiidha'aa hin bisila.29Nami maatii ifii rakkisu,harka duwwaa hin hafa;gowwaan tajaajilaa qaro'oo hin te'a.30Hujiin nama balcha'aamuka jiru'uu ti;nami barsiisee lubbuu namaa deebisu qaro'o.31Worri balchaan lafa irrattigatii hujii ifii akkuma dhaggatanu,worri Waaqa malee le'uu fiworri cubbaaleyyiille lafa irratti akkasumagatii hujii ifii hin dhaggatan.