Fakkeenya1gaz_bib
1Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:2Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;3ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaanqajeelfama argachuudhaaf;4warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,5ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;6kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.7Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.