1Tajaajiltoota Yesuus Kiristoosii ka teene Phawuloosii fi Ximootewoos irraa: Worra qachaa Filiphisiiyuusii keessa le'u, ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin balchoome maraaf, akkasuma toowattootaafi gargaartuuwolde'a kiristaanaatiif:2Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!
Galataa Fi Daadimannaa Phawuloosii
3Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;4Guyyaa qaraatii jalqaddanee haga ammaa hujii Oduu Gammadaa keessatti waan hirmaattaneef, yennaa isin maraaf daadimadhu maraa gammadaan daadimadha.6Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.7Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu na woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i.8Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin attam akka ani isin maraa dharra'u Waaqi hin beeka.9Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka guutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha.10Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu qulliyye'ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha.11Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma'aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan.Jiruu Jechuun Kiristoosiin Le'iisa
12Obboleeyyan tiyya! Wonni na dhaqqabe maraa, Oduun Gammadaa akka badhattu akka godhe, akka beettanu barbaada.13Akka ani Kiristoosiif jedhee hidhame, eedduu mana mootumma'aatii fi worra dhibii maraa biratti beekkameera.14Waan ani hidhameef dhugeeffattoota keessaa hedduun Gootta'atti addataneeran; jecha Waaqaa sodaa malee lallabiisaafille ka qaraa caalaa jabeenna dhaggataneeran.15Worri gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een Kiristoos lallaban; worri kuun ammoo fedha dansa'aan lallaban.16Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka.17Worri halchaa fedha ifii hordofiisaan dabaan Kiristoos lallabu ammoo, hidhamuu kiyya irratti rakkinna dabaliisaaf yaadatanee lallaban.18Womaa moti! Fakkeessiisaanille te'ee, dhuga'aanille te'u karaa maraan Kiristoos lallabameera! Ani kanatti hin gammada. Haganaa achille ittuma hin gammada;19sababille daadimannaa keessanii fi qarqaarsa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin akka bilisa bawu hin beeka.20Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha.21Maarre jiruu jechuun naaf Kiristoosiin le'iisa, duutille bu'aa tiyya.22Ani yoo fooniin jiraadhe, sun naaf hujii midhaan qaddu ittuma hujiisa; ammoo kam akka filadhu hin beeku.23Waan lamaan kanaan rakkadheera: ani le'ii tana lakkisee, Kiristoos woliin le'uu fedha; kun waan mara caalaa naaf woyya.24Te'uu malee fooniin jiraachuun kiyya isiniif caalaa barbaachisa'a.25Ani kana hubatiisaan, akka isin dhugeeffanna'aan guddattanuu fi akka gammaddanu, isin maraa bira akka turuu fi akka jiraadhu beekeera.26Ani yennaa deebi'ee gara keessan dhufe, booniisi isin Kiristoos Yesuusiin qaddanu sababa kiyyaan hin fakkana.27Isinummaan akka Oduun Gammadaa ta Kiristoosii jettutti jiraadha'a; tana yoo gootane, ani dhufee yoo isin dhagge yookiin fagoo jiraadhee waan keessan yoo dhage'e, dhugeeffannaa Oduu Gammadaatiif akka nama tokkoo teetanee falmatiisaan ayyaana tokkochaan jabaattanee akka dhaabbattanu hin beeka.28Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti.29Carraa Kiristoositti dhugeeffatiisaa callaa adoo hin te'in, carraan isaaf rakkinna fudhatiisaalle, isiniif kennameera.30Tanaaf akkuma kanaan dura rakkinni na geyeeruun dhaggitanee fi akkuma ammalle na geyiisatti jiruun dhageettanu, isinille rakkinnuma san fudhatiisatti jirtan.