Filemoon1gax_twf

1Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf,2obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te'eeruu fi wolde'a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolitti qabamuuf:3Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te'u!

Jaalalaa Fi Dhugeeffannaa Filemoonii

4Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha.5Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage'eera.6Hubantii guutuu waan dansa'aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi'iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha.7Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.

Gaaffii Phawuloos Oneesimoosiif Gaafate

8Waan godhu'uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba;9te'uu malee jaalalaan si gaafadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru,10marroo ilma kiyya Oneesimoosii, ka ani adoo mana hidha'aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si gaafadha.11Dur inni nama si'iif woy bawuu moti, amma ammoo anaa fi si'iifille woy hin baya.12Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaaladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera.13Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha'aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, na woliin as akka turuuf fedheeraayyu.14Te'uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si'iin hin mari'atinwomaa godhiisaaf hin barbaanne.15Oneesimoos yennaa gabaaddu'uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa'a te'a.16Haganaa achi, inni obboleessa jaalatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni naaf jaalatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaalatama'a.17Maarre waa'elakeeti te'uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma na fudhattu isalle fudhadhu.18Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate natti laakkow!19Ani Phawuloos, «Si'iif deebisee hin kaffala» jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu na hin barbaachisu.20Obboleessa kiyya, maqaa Gootta'aatiin waan kana naaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi.21Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si'iif barreessa.22Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi'ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu naaf qopheessa'a.

Nageya Dhaamiisa

23Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee na woliin hidhamee jiru nageya si'iif dhaama.24Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si'iif dhaaman.25Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.