Obaadiyaa1gaz_bib

1Mulʼata Obaadiyaa. 1‑4 kwf – Erm 49:14‑16 5‑6 kwf – Erm 49:9‑10 Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha.

Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra:Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa;waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
2“Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa;atis akka malee tuffatamta.3Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraatteemana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu,kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu,of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.4Yoo ati akkuma risaa ol fagaatteeurjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu,ani achii gad sin buusa”jedha Waaqayyo.5“Hattuun yoo sitti dhufteesaamtuun halkaniin sitti seente,balaa akkamiitu si eeggata!Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii,silaa qarmii wayii hin dhiisanii?6Esaawu garuu akkam saamameeqabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!7Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba;michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu;warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu;ati garuu waan kana hin hubattu.
8“Ani bara sana ogeeyyii Edoom,namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraahin balleessuu?” jedha Waaqayyo.9“Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu;namni tulluuwwan Esaawuu irrajiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.10Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiifati qaaniidhaan haguugamta;bara baraanis ni balleeffamta.11Gaafa alagoonni qabeenya isaaguurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenaniiYerusaalemitti ixaa buufatanitti,atis kophaa dhaabatteeisaan keessaa akka isa tokkoo taate.12Gaafa inni milkii dhabettiati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte;yookaan guyyaa badii isaaniittisaba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte;yookaan bara rakkina isaanii keessaakka malee of tuuluu hin qabdu turte.13Bara balaan isaanitti dhufe keessakarra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte;yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessarakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte;yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessaqabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.14Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaattiisaan eeggachuu hin qabdu turte;yookaan bara rakkina isaa keessahambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
15“Guyyaan Waaqayyoosaboota hundaaf dhiʼaateera.Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama;hojiin kees matuma keetti deebiʼa.16Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana,saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu;isaan itti deddeebiʼanii dhugu;akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.17Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata;inni ni qulqullaaʼa;manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.18Manni Yaaqoob ibidda,manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa;manni Esaaw huura taʼa;isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu.Mana Esaaw keessaanamni tokko iyyuu hin hafu”jedhee dubbateera Waaqayyo.
19Namoonni Negeebtulluuwwan Esaaw ni qabatu;namoonni gaarran jala jiraatan immoobiyya Filisxeemotaa qabatu.Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu;Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.20Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kunbiyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala;boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneenSefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.21Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaafTulluu Xiyoonitti ol baʼu.Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.