Obaadiyaa Raagichaa1gax_twf

Adabamiisa Edoomii

1Mudhiin Mootiin Waan Maraa Waaqi marroo biyya Edoomii Obaadiya'atti mudhise asiin jala jirti:Ergamaan tokkogara gosa biyya adda addaa ergamee,«Ka'aa! Dhandhee,biyya Edoomii lollaa!» jedhuunergaa Mootii Waan Maraa irraa dhagganneerra.2Ammalle Mootiin Waan Maraa Edoomiin,«Kunoo, gosa biyya adda addaa keessattiakka ati dadhaddu,ijjumaa akka tuffatantu hin godha.3Ati ka mana keetiaddee ol jette gaara irratti ka ijaarratte,ka holla dhaka'aa keessa leetu,‹Eentu lafatti gad na buusa?› ka jettu,koora keetittuu si sobe.4Ati akka risa'aa gubbaa irra yoo kaatelle,mandhee teeti urjoota oddu'utti,yoo ijaarrattelle,ani achii gad si buusa5Hattuun Yookiin saantuunhalkaniin mana keeti yoo dhufane,haguma barbaadane qofa fudhatan.Worri midhaan woyni'ii guuratulle,woxoo hin lakkisa.Diinni keeti ammooijjuma si hin balleessa.6Isin sanyiin Esaawuumanni keessan soffameera.Karri teessan duudiille saamanteerti.7Goliin teeti si sobanee,biyya teeti keessa si ari'ane.Jaaloti teeti worri addatamanedhossa'aan tiyyoo si duratti afanee,‹Qarummaan isaa meet› jedhane.8Guyyaa sanitti Mootiin Waan Maraa:Ani qaroolle Edoom keessaa,worra hubantii qabugaara Esaawuu irraa hin balleessu.9Ee qachaa Temaanii!Loltooti teeti hin bararaqan;worri gaara Esaawuu irrajiranu martinuu hin ijjeefaman.

Adabamiisa Edoomii

10«Sanyii Obboleessa keeti Yaaqoobiihunnaan waan ijjeetteef,hin qaanotta;haga bara baraalle hin badda.11Guyyaa alagaan karra saame,worri ormaa dalleya cassee seeneeYerusaalem irratti hixaa buufate,atille akkuma worra sanii itti teetee,irraa fagaattee dhaabbatte.12Guyyaa obboleessi keeti rakkatuisatti qacifatuun,guyyaa badii kolbaa Yihuda'aa, gammaduun,guyyaa gadda isaanii geeraruunsi'iif hin malle.13Guyyaa badii kolbaa tiyyaaqachaa isaanii seenuun,guyyaa badii isaanii itti qacifatuun,karra isaaniille saamuunsi'iif hin malle.14Guyyaa gadda isaaniiqaxxaamura kara'aa irra dhaabbatteeworra baqatanee bayanu qaddeedabarsitee diinotatti kennuun,si'iif hin malle.

Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura

15«Guyyaan ani Mootiin Waan Maraagosa biyya adda addaa maratti muru dhikaateera;Edoom, akkuma ati nama irratti gootesi'i irralle'etti hin godhama;hujiin teeti hantuun mataa keetitti hin deebiti.16Akkuma kolbaan tiyyagaara kiyya woyyicha irrattimuduunuu rakko'oo unte,gosi biyya adda addaa martiadoo wol irraa hin kutin hin unti;irra caalaalle hin unti;akka hin jirrelle hin teeti.

Injifachaa Israa'elii

17Worri gariin ammoogaara Xiyoonii irratti hin hafan,gaarri Xiyooniille woyyicha hin te'a;sanyiin Yaaqoobii ammooworra lafa isaaniiisaan irraa fudhate irraadeebifatanee hin fudhatan.18Sanyiin Yaaqoobii akka ibiddaa,sanyiin Yoseefiilleakka bobe'aa te'anee,sanyii Esaawuu ta akka huuraagubanee hin fixan;sanyii Esaawuu keessaa ka hafutokkolle hin jiru.19Worri biyya Yihuda'aatiin gara kibbaa jiranugaara Esaawuu,worri gaara jala jiranu ammoobiyya Filisxeemotaa hin qabatan;isaan Samaariya'aa filafa sanyii Efreemii hin qabatan;sanyiin Beniyaaminii ammooGiil'aad hin qabatan.20Loltooti Israa'eliiworri booji'amee Kana'aan keessa jiruhaga Zaarefa'aatitti hin qabatan;worri Yerusaalemii booji'ameeSafaaraad jiruqachoota biyya Yihuda'aaka gara kibbaa jiranu hin qabatan.21Worri isaan bilisa baasu gaara Xiyoonii irrattiol bayanee gaara Esaawuu hin bulchan;yennaa san mootummaanta Mootii Waan Maraa hin teeti» jedha.