Lakkoobsa24gaz_bib
1Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.2Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;3innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate:“Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor,ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,4ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuuisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argukan kufee iji isaa banamu sanaa:5“Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee,Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!6“Isaan akkuma sulula diriiraa,akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa,akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee,akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.7Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa;sanyiin isaa bishaan baayʼee argata.“Mootiin isaa Agaag caala;mootummaan isaa ni kabajama.8“Waaqayyo Gibxii isa baase;inni jabina akka jabina gafarsaa qaba.Inni saba diinota isaa taʼe nyaata;lafee isaanii ni caccabsa;xiyya ofii isaatiin isaan waraana.9Inni akkuma leencaa ciiseera;akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa?“Warri si eebbisan haa eebbifaman;warri si abaaranis haa abaaraman!”10Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.11Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”12Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?13‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’14Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”