Kitaaba Seera Laakkossaa24gax_twf
1Bala'aam Israa'eloota eebbisuun Mootii Waan Maraa akka gammachiitte yennaa dhagge, inni fuula ifii gara goomole'ee deebifate malee, akka yennaa dhibi'ii waan ittiin moru barbaadatiisa hin dhandhe.2Bala'aam ol ilaalee, worri Israa'elii gosa gosaan qubataneeranuun yennaa dhagge, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee,3ergaa dubbattee, «Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii,ergaan nama ilti isaa banantee,4ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu,ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu,ka isa duratti gad jigeeruun,ilti isaa banantee kana:5«Ee Yaaqoob, dunkaanoti teeti,ee Israa'el quttumi keeti,attam attam dansa'a!6«Isaan akka meexxii banqaaxxuu,akka oorruu bisaan biraa ti;isaan akka hargiisaMootiin Waan Maraa dhaabee ti;isaan akka hindheensa bisaan biraa ti.7«Sakkeelloo isaanii keessaabisaan hin yaa'a;sanyiin midhaan isaaniibisaan guddaa hin dhaggatti.«Mootiin isaanii mootii Agaagii hin caala;mootummaan isaaniille hin leellifanti.8«Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase,inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti.Inni gosa biyya adda addaadiinota isaanii hin kukkuta;lafee isaaniille hin butucha;daaya ifiitiin woraanee isaan fullaasa.9«Isaan irkatanee,akka neenqa dhala'aatiifi neenqa kormaa gad ciisane;isaan kaasiisaaf ka itti guulu eennu?«Worri si eebbisu eebbifamuu ti!Worri si abaaru abaaramuu ti!» jedhe.10Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamitti aaree bobe'ee, harka dhowee, «Ani akka ati diinota kiyya abaartuuf si waame; ati ammoo kunoo yennaa sad isaan eebbitte.11Amma ariifadhuu gara mana keetii deemi! Ani silaa, ‹Gatii dansaa si'iif hin kaffala› jedheeraayyu. Mootiin Waan Maraa ammoo gatii dhaggatiisa si dhoogge» jedhe.12Bala'aamille deebisee, Balaaqiin, «Ani ergantoota teeti ta ati natti ergitetti himee,13‹Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa dubbadha male, jecha isaa irra dabaree, fedha kiyyaan waan dansaa yookiin waan badduu godhiisaaf hin dande'u› hin jenneeyyuu?14Maarre amma ani gara kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara; gara duraa ammoo waan kolbaan Israa'elii tun kolbaa teeti irratti godhu'uuf jirtu koy sitti hima» jedhe.