Lakkoobsa13gaz_bib
Basaastonni Gara Kanaʼaanitti Ergaman
1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;2“Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi.”3Museen ajaja Waaqayyootiin Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan.4Maqaan isaanii kanneenii dha:Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur;5gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii;6gosa Yihuudaa keessaa Kaaleb ilma Yefunee;7gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yoosef;8gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni;9gosa Beniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu;10gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii;11gosa Minaasee jechuunis gosa Yoosef keessaa Gadii ilma Suus;12gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal;13gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼel;14gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii;15gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti.16Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Museen ergee dha. Museenis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, “Iyyaasuu” jedhee moggaase.17Museen yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; “Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa.18Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa.19Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu?20Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa.” Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture.21Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan.22Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte.23Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan.24Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame.25Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan.