1Dalleenni deebi'ee ijaaramee, cufanaan itti keyameen duuba, worra karra eeguuf, worra faarfatuu fi worra Lewwootaatiif hujiin isaanii kennanteef.2Anille qachaa Yerusaalemii akka bulchanuuf, namoota lama file; isaanille obboleessa kiyya Haanaanii fi Hanaaniya'a; Hanaaniyaan nama itti gaafatamaa kushe'ee, nama addatama'aa fi nama namoota hedduu caalaa Waaqa sodaatu.3Anille, «Barii haga aduun o'itutti karri Yerusaalemii akka hin bananne, galgala worri karra eegu adoo hin galin dura karra cufee akka danqaru, akkasuma Worra Yerusaalem keessa le'u keessaa eeddota filanee, gariin addee eegamuu malte akka eeganu, gariin adaaluma mana ifii akka eeganu fila'a» jedhee isaan ajaje.
Laakkossa Worra Booji'amee Deebi'ee
4Qachaan Yerusaalemii badhaa gudda'a; kolbaan qachaa san keessa leetu ammoo diqqo'o; manni hedduulle itti ijaaramee hin jiru.5Waaqi akka ani qondaaltotaa fi bulchitoota, kolbaalle wolitti qabee akka hidda dhaloota isaaniititti galmeessu na kakkaase; ani galmee hiddi dhaloota worra qara booji'amee deebi'ee irra jiru dhagge; ani barreeffama asiin gad jiru keessatti dhagge:6Worra Nebukadnezaar mootiin Baabilonii booji'eeruun, gara Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'anee, tokko tokkoon isaaniituu gara qachaa ifii galane,7sooreyyiin isaanii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raa'amiiyaa, Nahamaani, Mordekaayi, Biilshaan, Miispheret, Biigwaayi, Nehumii fi Ba'anaah.8Sanyiin Faaroshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;9sanyiin Shefaaxiya'aa dhibba sadii fi torbaatamii lama;10sanyiin Ara'aa dhibba jaa fi shantamii lama;11sanyiin Iyaasu'uutii fi sanyii Yo'aabii ka te'e, sanyiin Fahat-Mo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii saddeeti;12sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;13sanyiin Zaatu'uu dhibba saddeetii fi afurtamii shan;14sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama;15sanyiin Binu'uu dhibba jaa fi afurtamii saddeeti;16sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii saddeeti;17sanyiin Azigaadii kuma lamaa fi dhibba sadii fi diddamii lama;18sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii torba;19sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi jaatamii torba;20sanyiin Aadiinii dhibba jaa fi shantamii shan;21gosi Ateerii, sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti;22sanyiin Hashumii dhibba sadii fi diddamii saddeeti;23sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii afur;24sanyiin Haarifii dhibba tokkoo fi kudhanii lama;25sanyiin Giibe'onii sagaltamii shan.26Kolbaan Betlihemiitii fi Netofa'aa dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeeti;27kolbaan Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti;28kolbaan Beti-Azimaawetii afurtamii lama;29kolbaan Kiriiyat-Ya'ariimii, kolbaan Kefiira'aatii fi Berootii dhibba torbaa fi afurtamii sad;30kolbaan Raama'aatii fi Geba'aa dhibba jaa fi diddamii tokko;31kolbaan Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama;32kolbaan Bet'elii fi Aayii dhibba tokkoo fi diddamii sad;33kolbaan Neboo dhibi'iishantamii lama;34sanyiin Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;35sanyiin Haariimii dhibba sadii fi diddama;36sanyiin Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan;37sanyiin Lodii, sanyiin Haadiidiitii fi sanyiin Onoo dhibba torbaa fi diddamii tokko;38sanyiin Senaa kuma sadii fi dhibba sagalii fi soddoma;39Hayyooti: Sanyii Yedaa'iya'aa keessaa sanyiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad;40sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama;41sanyiin Faashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba;42sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba.43Lewwooti: sanyiin Iyaasu'uu, maatiin Qadmii'eliitii fi Hodaawiya'aa torbaatamii afur;44faarfattoota keessaa: sanyiin Asaafii, dhibbaa fi afurtamii saddeeti;45Worra karra eegu keessaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi Shobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeeti.46Worri tajaajiltoota Galma Waaqaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufa'aa, sanyii Xabaa'otii,47sanyii Qerosii, sanyii Sii'aa, sanyii Faadonii,48sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Shalmaayii,49sanyii Haanaanii, sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii,50sanyii Re'aaya'aa, sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa51sanyii Gaazaamii, sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa,52sanyii Besaayii, sanyii Me'uniimii, sanyii Nefushesiimii,53sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii,54sanyii Baazliitii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Haarsha'aa,55sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Tama'aa,56sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti.57Sanyii tajaajiltoota Solomoonii keessaa: sanyii Soxaayii, sanyii Soferetii, sanyii Firiida'aa,58sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii,59sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeret-Hasbaayimiitii fi sanyii Amoonii ti.60Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaa martii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.61Worri qachaa Tel-Melaatii irraa, qachaa Tel-haareshaatii irraa, qachaa Keruubii irraa, qachaa Adoniitii fi qachaa Iimerii irraa deebi'anee dhufane ammoo sanyii isaanii yookiin abuubota isaanii Israa'el akka te'ane mirkaneessiisa hin dandeenne.62Isaanille sanyii Delaaya'aa, sanyii Xobiiya'aatii fi sanyii Neqoda'aa ti; laakkossi isaanii dhibba jaa fi afurtamii lama.63Ammalle, hayyoota keessaa: sanyiin Habaaya'aa, sanyiin Haqoziitii fi Baarzilaayii ka intala Baarzilaayii Giilaadichaa fuudhee maqaa kanaan waamamane;64worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffame keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, isaan akka qulqullummaa hin qannetti laakkowamanee, hujii hayyumma'aa keessaa baasane;65Bulchaan Yihudootaa, «Haga hayyuun Uriimii fi Tumiimiintajaajilu dhaggamutti sagalee woyyittiihin nyaatina'a» jedhee isaanitti hime.66Laakkossi worra booji'amee deebi'ee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama.67Kana biratti laakkossi tajaajiltoota isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; isaan faarfattootalle dhiiraa fi dubartii dhibba lamaa fi afurtamii shan qaban.68Fardooleen isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan;69Gaalota dhibba afurii fi soddomii shanii fi harreelee kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama qaban.70Dura aantoti firaa gariin hujii tanaaf kennansa kennane. Bulchaan biyyaa worqii gara kiiloo saddeetii, qorii boboollittii shantama, woyaa hayyootaa dhibba shanii fi soddoma kenne.71Dura aantoti firaa gariin worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetiitii fi meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamaa Galma Waaqaa deebisanee ijaariisaaf kennane.72Kolbaan worri hafane wolumatti worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetii, meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba tokkootii fi woyaa hayyootaa jaatamii torba kennane.73Maarre Hayyooti, worri Lewwootaa, eeddoti karraa, faarfattooti, kolbaan worri kuunille, tajaajiltooti Galma Waaqaa, Israa'elooti martinuu qachaa ifii keessa qubatane.