Kitaaba Nahimiya'aa5gax_twf

Nahimiyaan Hiyyeeyyii Qarqaare

1Yennaa takka dhiiraa fi dubartiin Yihudootaa hedduun, Yihudoota sooreyyii ifii mormanee iyyatiisa jalqabane.2Isaan keessaa gariin, «Nuuti maatii hedduu qanna; akka nyaannee jiru'uun leenuuf, midhaan dhaggachuu nu barbaachisa» jedhane.3Worri dhibiin, «Bara beelaa midhaan dhaggatiisaaf, fichaa keenna, addee woynii teennaa, mana keennalle qassiinneerra» jedhane.4Worri dhibiille, «Fichaa keennaa fi addee woynii teennaatiif, gibira mootumma'aa kaffaliisaaf beesee liqeeffanneerra.5Nuuti akkuma Yihudoota kaanii Yihudoota; ijoolleen teennalle akkuma ijoollee isaanii ti; te'uu malee nuuti ijoollee teenna akka garboota te'anu gooneerra; ammumaayyuu ijoolleen teenna ta durraa gariin garboomaneeran; fichaa keennaa fi addeen woyni'ii teenna waan nu irraa fudhatamaneef, nuuti hunna dhanneerra» jedhane.6Ani yennaa iyyata isaanii kana dhage'e guddoo aare.7Guddisee itti yaadeen duuba, worra gugurda'aa fi qondaaltotaan, «Isin attam kolbaa teessan irraa dhala liqa'aa fudhattan!» jedhee aaladhe; isaan woliin dubbii tana ilaaliisaaf gumii guddoo waamee,8«Nuuti haga dandeennetti, worra keenna Yihudoota ka gosa dhibi'itti gurguramane wodiisatti jirra; amma ammoo isin worrummaan keessan garba te'anee akka isinitti gurguramanu hunnaan godhiisatti jirtan!» isaaniin jedhe. Isaan waan jedhanu dhabanee cadhisane.9Maarre ani, «Wonni isin hujiisatti jirtanu dansa'aa moti; akka worri diina keennaa nu hin qaanessine, isin Waaqa sodaatiisaan ideemiisa maltane.10Anii fi worri kiyya, tajaajiltooti tiyyalle beese'ee fi midhaan kolba'aaf liqeessineerra. Dhala liqa'aa fudhatiis hafuu ti.11Fichaa isaanii, addee woynii isaanii, oorruu muka ejersaa isaanii, mana isaaniille deebisa'aaf; akkasuma dhala beese'ee, dhala midhaanii, dhala woyni'iitii fi zayiti'ii ammuma lakkisa'aaf» jedheen.12Achiin duuba worri gugurda'aa fi qondaaltoti, «Nuuti waan mara hin deebinna; waan tokkolle deebinee isaan irraa hin barbaannu; akkuma ati jette hin goona» jedhane. Ani hayyoota waamee, sooreyyiin akkuma waadaa galane akka godhanu, akka kakachiisanu godhe.13Achiin duuba ani hiituu hidhaa hiikadhee, hargufee, «Maarre nama waan waadaa gale kana hin goone, manaa fi karra isaa irraa Waaqi isa hargufuu ti! Hargufamee duwwaa hafuu ti!» jedhe. Gumiin martinuu, «Ameen» jettee Mootii Waan Maraa galateeffatte. Worri gugurda'aa fi qondaaltoti akkuma jedhane godhane.

Arjummaa Nahimiya'aa

14Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne.15Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone.16Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji'iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite.17Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture.18Guyyuma guyya'atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni'ii ta gosa adda addaatittiqophowaayyu. Te'uu malee, ba'aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne.19Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom.