11Ani ergan Yerusaalem dhaqee bultii sadii achi bubbulee booddee12halkaniin kaʼee namoota muraasa wajjin nan baʼe. Ani waan Waaqni koo akka ani Yerusaalemiif godhu garaa koo keessa kaaʼe nama tokkotti iyyuu hin himne. Horii tokkicha ani yaabbadhe sana malee horiin tokko illee na bira hin turre.13Ani halkaniin Karra Sululaatiin gad baʼee gara Boolla Bishaan Jawweetii fi gara Karra Dikee dhaqee dallaa Yerusaalem kan diigamee fi karrawwan ishee kanneen ibiddaan barbadeeffaman sana irra naannaʼeen ilaale.14Ergasiis ani ittuma fufee gara Karra Burqaa fi gara Haroo mootichaa nan dhaqe; garuu karaan horii ani yaabbadhe dabarsu tokko illee hin turre;15kanaafuu ani halkaniin karaa sululaatiin ol baʼee dallaa sana nan ilaale. Dhuma irrattis dugda duubatti deebiʼee Karra Sululaatiin ol nan seene.16Sababii ani hamma gaafasitti Yihuudootatti yookaan lubootatti yookaan namoota bebeekamootti yookaan qondaaltotatti yookaan namoota hojii sana hojjechuuf jiran biraa kamitti iyyuu homaa hin himiniif qondaaltonni sun gara ani dhaqe yookaan waan ani hojjechaa ture hin beekne.17Anis akkana isaaniin nan jedhe; “Isin rakkoo nu keessa jirru ni argitu; Yerusaalem diigamteerti; karrawwan ishees ibiddaan gubamaniiru. Kottaa nu akka siʼachi nama kolfaa hin taaneef dallaa Yerusaalem deebifnee ni ijaarraa.”18Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban.19Garuu Sanbalaaxi Hooroonichi, Xoobbiyaan qondaaltichi Amoonii fi Gesheem namni Arabaa sun waan kana dhageenyaan nutti qoosanii nutti kolfan. Isaanis, “Wanni isin hojjettan kun maali? Isin mootichatti fincilaa jirtu moo?” jedhanii gaafatan.20Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.”