Israa'el Orma Irraa Gargar Baate
1Gaafas isaan kitaaba Muuse'ee qoonqoo ol qabatanee dubbisane; kitaaba san keessalle'etti «Worri Amooniitii fi Mo'aabii ijjumaa wolde'a Waaqaatitti hin makamin» jedhantee ta barreeffanteertu dhaggane.2Worri Amooniitii fi Mo'aabii, karaa biyya Gibxi'ii irratti sagale'ee fi bisaan kolbaa Israa'eliitiif kennuu irra, Bala'aam beese'een bitanee akka kolbaa Israa'elii isaaniif abaaru waan godhaneef, ajaji kun kenname. Te'uu malee, Waaqi keenna abaarsa eebbatti jijjiire.3Kolbaan yennaa Seera kana dubbifamuun dhageette, sanyii ormaa Israa'elii irraa gargar baache.4Tanaan dura hayyichi Eliyaashiib, itti gaafatamaan meya Galma Waaqaa keessaa, Xobiiyaa woliin lansummaa qabaayyu.5Inni kolloo badhoo, ta dur kennansi midhaanii, kennansi hixaanaa, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaanii ka kudhan keessaa tokkoo, daadhiin woyni'iitii fi zayitiin Lewwootaaf, faarfattootaaf, worra karra eeguufille kennamu akka keessa keyamu yaadamee hujame, akkasuma kennansi hayyootaaf kennamu keessa keyamu, Xobiiya'aaf kenne.6Artashaastaan mootiin Baabilonii mootii te'ee woggaa soddomii lammeesso'ootitti ani gara mootichaa waan dhaqeef, yennaa san maraayyuu ani Yerusaalem keessa hin jiru; yennaa diqqo'oon duuba ammoo mooticha kadhadhee,7gara Yerusaalemii deebi'e; achitti Eliyaashiib Galma Waaqaa keessatti kolloo tokko Xobiiya'aaf kenniisaan waan hantuu inni huje hubadhe.8Kun guddoo na aarsee, meya manaa ka Xobiiya'aa mara kolloo Galma Waaqaa san keessaa gad gate.9Achiin duuba ani kolloon akka qulqulleeffantu, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaaniitii fi hixaanaalle akka deebi'ee itti galu ajaje.10Lewwootii fi faarfattooti Galma Waaqaa keessaa, qoodi isaanii waan hin kennaminiif, akka isaan gara fichaa ifii deebi'ane hubadhe.11Maarre ani bulchitoota mormee, «Galmi Waaqaa maaniif gatame» jedhee gaafadhe; Lewwootaa fi faarfattootalle wolitti waamee hujii Galma Waaqaa keessaatitti isaan deebise.12Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa martinuu midhaan irraa, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irraa, kudhan keessaa tokko kolloo meya Galma Waaqaatitti fidiisa jalqabane.13Ani Shelemiiyaa hayyicha, Zaadoqii barsiisaa Seeraatii fi Fadaayaa Lewwicha, addatantoota waan te'aneef, itti gaafatantoota mana meya Galma Waaqaa akka te'anu godhe; Haanaanii ilma Zaakurii, akaakoo Mataaniiya'aa, qarqaaraa isaanii godhe. Hujiin isaanii qooda fira isaaniitiif kennamu qoodiisa.14Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu; hujii dansaa ani Galma keetiif, tajaajila isaatiif godhe haxoottee hin balleessin!15Bara san kolbaan Yihuda'aa guyyaa Sanbataatiin woynii cunfanuun, midhaan galfatanuun, unkuruura woyni'ii, midhaan woyni'ii, midhaan harru'uutii fi fe'iisa adda addaa guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidaneeranuun dhagge. Tanaaf ani yennaa san sagalee akka hin gurgurre isaan dhoogge.16Kolbaan biyya Xiiroosii worri Yerusaalem keessa le'u gariin qurxummi'ii fi waan gurguramu adda addaa, guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidanee Yihudootatti gurguratane.17Ani qondaaltota Yihuda'aa mormee, «Guyyaa Sanbataatiin, wonni hantuun isin hujiisatti jirtanu kun maan? Isin Sanbata batteessiisatti jirtan.18Waaqi qacha'aa fi nu irratti badii tana mara wonni fideef, abbootiin teessan badii tana hujjeefii motii? Ammalle isin Sanbata batteessiisaan Israa'el irratti mufii Waaqaa ta caaltu fidaartan» jedhe.19Sanbati boru jedhaa, aduun dhiitee dimimmitteen, karri Yerusaalemii akka cufantuu fi haga Sanbati dabarutti akka hin bananne ani ajaje; guyyaa Sanbataatiin fe'iis tokkolle akka ol hin seenne, tajaajiltoota tiyya keessaa garii karra karra irra dhaabbachiise.20Daldaltootii fi worri waan adda addaa gurguratu yennaa tokko yookiin yennaa lama dalleya Yerusaalemiitiin ala bulaneeran.21Ani ammoo, «Isin maaniif dalleyaan dura bultan? Lammeessoo yoo itti deebitane, ani hunnaan isin ari'a!» jedhee isaan ifi eeggachiise. Yennaa sanii jalqabanee isaan guyyaa Sanbataatiin deebi'anee hin dhunne.22Lewwooti guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf, ifi qulleessanee, dhaqanee karroota akka eeganu ani isaan ajaje. Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu, akka jaalala keeti guddaa bara baraatitti, na mararfadhu!23Bara san ani, dhiirti Yihudootaa dubartoota Ashidoodii, Amooniitii fi Mo'aabii akka fuudhaneeranu beeke.24Ijoollee isaanii keessaa gamis afaan worra Ashidoodii yookiin afaan kolbaa dhibi'ii keessaa tokko dubbatti malee, afaan Yihudootaa dandeettee hin dubbattu.25Anille isaan mormee, isaan abaareelle, isaan keessaa garii dhowee, rifeensa isaan irraa buqqise; ijoollee durraa ta isaanii ilmaan ormaatitti akka hin heerumsiinne, ilmaan isaaniille yookiin isaan ifiifille ijoollee durraa ta ormaa akka hin fuuneef maqaa Waaqaatiin isaan kakachiise.26Ani isaaniin, «Mootiin Israa'elii Solomoon cubbuu ka huje fuudha akkasii kanaanii motii? Gosa biyya adda addaa keessaa mootiin akka isaa hin jiruuyyu; Waaqi isa jaalatee, Israa'el mara irratti isa mootonse; te'uu malee, dubartooti ormaa ta inni fuudhe isaayyuu akka cubbuu huju godhane» jedhe.27Isin ijoollee duraa ta ormaa fuudhiisaan Waaqa keenna mormtanee hammeenna gudda'aa fi yakkaa akka hujjanu dhage'iisaan nuutille fakkeenna keessan hordonnaa ree?28Yoyaadaan ilma hayyicha guddaa Eliyaashiibii ti; ilmaan Yoyaada'aa keessaa tokkochi intala Sanbalaaxii qachaa horoonii fuudhe; maarre ani akka inni Yerusaalem lakkisee deemu godhe.29Ee Waaqa kiyya! Hujii hayyumma'aatii fi gondooroo ati hayyootaa fi Lewwoota woliin goote akka isaan xureessane qaabadhu!30Maarre ani hayyootaa fi Lewwoota waan orma te'e mara irraa qulleessee, tokko tokkoofuu, hujii hujanu itti kenne.31Ammalle ani qoraan ciincaa ittiin ciinceffamuu fi midhaan galfatanu keessaa ka mata'aa, yennaa murteeffantetti, gara Galma Waaqaa akka fidanu godhe. Ee Waaqa kiyya, waan ani godhe kanaaf na yaadadhu!