Nahimiyaa12gaz_bib
Lubootaa fi Lewwota
1Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha:Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,2Amariyaa, Maluuk, Haxuush,3Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,4Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,5Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,6Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,7Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa.
Warri kun bara Iyyaasuu keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan.8Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.9Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.10Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim; Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;11Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.12Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan:
Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;13maatii Izraa keessaa Meshulaam; maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;14maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef;15maatii Haariim keessaa Adinaa; maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;16maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas; maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;17maatii Abiyaa keessaa Zikrii; maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;18maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;19maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;20maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi; maatii Aamoq keessaa Eeber;21maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.22Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.23Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.24Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.25Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.26Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.