Hayyootaa fi Lewwoota
1Hayyootii fi Lewwooti worri Zarubaabelii ilma She'altii'eliitii fi Iyaasuu woliin booju'uu deebi'ane, hayyooti: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa2Amaariyaa, Maluuk, Haxushi,3Shekaaniyaa, Rehuum, Meremoot,4Iddoo, Giinetoo, Abiiyaa,5Miyaamin, Ma'adiiyaa, Biilgaa,6Shemaayaa, Yoyaariib, Yedaa'iyaa,7Sa'aaluu, Aamoq, Hilqiiya'aa fi Yedaa'iya'a. Isaan kun bara Iyaasu'uu keessatti sooreyyii hayyoota firoota isaanii ti.8Lewwooti: Iyaasuu, Biinuyi, Qadmii'el, Sherebiiyaa, Yihuda'aa fi Mataaniya'a. Mataaniyaan firoota ifii woliin itti gaafatamaa faaruu leellisaa ti.9Firooti isaanii Baqbuqiiyaanii fi Uniiyoon yennaa tajaajilaa isaanitti aananee dhaabbatan.10Iyaasuun Yoyaaqiim uumate, Yoyaaqiim Eliyaashiib uumate, Eliyaashiib yoyaadaa uumate,11Yoyaadaan Yonaataan uumate, Yonaataan Yaaduwaa uumate.Sooreyyii Fira Hayyootaa
12Bara Yoyaaqiim hayyicha guddaa te'eerutti, hayyooti sooreyyii fira hayyootaa te'ane: fira Seraaya'aatiif, Meraaya'a; fira Ermiyaasiitiif, Hanaaniya'a;13fira Izra'aatiif, Meshulaam; fira Amaariya'aatiif, Yehohaanaan;14fira Meliikuutiif, Yonaataan; fira Shebaaniya'aatiif, Yoseef;15fira Haariimiitiif, Adna'a; fira Meraayootiif, Helqaayi;16fira Iddootiif, Zakaariyaas; fira Giinetooniitiif, Meshulaam;17fira Abiiya'aatiif, Ziikri; fira Miyaaminiitii fi fira Mo'aadiiya'aatiif, Phiilxaayi;18fira Biilgaatiif, Shamu'a'a; fira Shemaya'aatiif, Yehonaataan;19fira Yoyaariibiitiif, Matenayi; fira Yedaa'iya'aatiif, Uzi;20fira Saalaayiitiif, Qalaayi; fira Aamoqiitiif, Ebeer;21fira Hilqiiya'aatiif, Hashabiiya'a; fira Yedaa'iya'aatiif, Nataani'el;22Bara Eliyaashaab, Yoyaadaan, Yohaannaanii fi Yaaduwaan hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, galmeen sooreyyii fira Lewwootaatii fi sooreyyii fira hayyootaa tun, bara Daariyos mooticha Faaresii te'eerutti galmeeffante.23Sooreyyiin maatii Lewwootaa haga bara Yohaannaan ilma Eliyaashiibii jiru qofa galmee dabarsi'ii keessatti galmeeffamane.24Lewwooti qajeelfama sooreyyii Lewwootaa Hashabiiyaa, Sherebiiya'aa fi Iyaasuu ilma Qadmii'eliitiin, addee lamatti qoodamanee, fuullee wolii dhaabbatanee, nami Waaqaa Daawiti akka ajajetti wol irraa fufuudhaa leellisaa fi galata Waaqaaf galchane.25Mataaniiyaan, Baqbuqiiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Xalmoonii fi Aquub eedduu mana meyaa, ka karra dalleya Galma Waaqaa biraa ti.26Namooti kun bara Yoyaaqiimiin ilmi Iyaasuu akaakoo Yozaadaaqii, akkasuma bara Nahimiyaan biyya bulchuu, bara Izraan hayyichaa fi barsiisaa Seera Muuse'ee te'eeru tajaajilane.Dalleenni Qachaa Yerusaalemii Eebbifame
27Yennaa dalleenni qachaa Yerusaalemii eebbifame, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon, faaruu galataatiin gammadaan akka isaan jilifatanu, Lewwoota addee isaa le'anu maraa gara Yerusaalemii fidane.28Faarfattoota maatii Lewwootaa addee isaan qubataneeranu adaala Yerusaalemiitii fi adaala olloota Nefaatotaa keessaa,29Bet-giilgaalii, Geba'aa fi Bet-Azmaawet irraa wolitti qabamane.30Hayyootii fi Lewwooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi qulqulleessanee, kolbaa, karra dalleyaatii fi dalleya qacha'aa qulqulleessane.31Achiin duuba ani Nahimiyaan sooreyyii Yihuda'aa dalleya irratti akka bayanu godhee, golii gugurdoo lamatti qoodee Waaqaaf galata galchaa qachaa akka naannowanu godhe. Goliin qaraa harka middaatiin dalleya irra gara karra, «karra kosi'ii» jedhantu dhaqane.32Hoshaa'iya'aa fi gamisi sooreyyii Yihuda'aa faarfattoota san duubaan ideemane;33Azaariyaan, Izraan, Meshulaam,34Yihudaan, Beniyaamin, Shemaa'iyaanii fi Ermiyaas,35ammalle Hayyooti gariin worri tultullaa afuufu, Zakaariyaasii ilma Yonaataanii, akaakoo Shemaa'iya'aa woliin dhaqane; sanyiin isaa Mataaniyaa, Mikaayaa, Zaakurii sanyii Asaafii fa'a.36Ammalle sanyiin Zakaariyaasii: Shemaa'iyaan, Azaari'el, Milalaayi, Gilalaayi, Nataani'el, Yihuda'aa fi Haanaan, meya ittiin faarfatanu ka akka Daawitiin nama Waaqaa faarfatuu qabatanee isa gula deemane; barsiisaan Seera Muuse'ee Izraan isaan sooresse.37Karra madda bisaanii yennaa geyane, yaabbannoo irra gara qachaa Daawitii ol bayanee, mana mootummaa Daawitii irra dabaranee, karaa aduun baatuun gara karra bisaanii deebi'ane.38Goliinfaarfattootaa ta lammeesso'oo, dalleya irra gara bita'aa deemane. Anille kolbaa gamisa woliin isaan gula deemee, xelleephoo ibiddaa bira dabarree, dalleya badhaa bira geenne.39Karra Efreemii gubbaarra, karaa karra dullatti'iitiin, karaa karra qurxummi'iitiin, karaa xelleephoo Hanaani'eliitii fi karaa xelleephoo «Dhibba» jedhantuun, gara karra hoolotaa dhandhe; karra worra eeddotaa biratti dhaabbane;40goliin faarfattootaa lamaanuu worri Waaqaaf galata galchinu adaala Galma Waaqaa geenne. Worra sooreyyii na woliin jiranu irratti dabalamiisaan,41hayyooti tultullaa afuufanu ka na woliin jiranu Eliyaaqim, Ma'aseyaa, Miyaamin, Miikaayaa, Eliyo'enaayi, Zakaariyaasii fi Hanaaniya'a;42ammalle Ma'aseyaa, Shemaa'iyaa, Ele'azaar, Uzii, Yehohaanaan, Malkiiyaa, Elaamii fi Azer; faarfattooti Yizraayaatiin sooreffamiisaan qoonqoo guddo'oon faarfatane.43Guyyaa san Waaqi waan guddoo isaan gammachiiseef, kolbaan gammadaan guutantee, woreega hedduu kennite; dubartootii fi ijoolleelle gammadde. Shookkessi gammada isaanii qachaa Yerusaalemii irraa fago'otti dhage'ame.Kennansa Tajaajila Galma Waaqaatiif Kenname
44Guyyuma san namooti mana meyaa ka kennansi kennamu, midhaan mata'aatii fi kudhan keessaa tokko itti kuufamu irratti itti gaafatantoota akka te'anu muudamane; namooti kun akka Seeraatitti hayyootaa fi Lewwootaafille qooda kennamu, fichaa adaala qachoota isaanii jiru irraa mana kuusa'aatitti wolitti qabiisaafille itti gaafatamummaa qaban. Kolbaan Yihuda'aa martinuu hujii hayyootaatii fi Lewwootaatitti gammadde.45Isaan tajaajila Waaqa isaaniitii fi aadaa dhugeeffanna'aa ta qulqulleeffanna'aa godhane. Faarfattootii fi eeddoti karraalle akkuma ajaja Daawitiitii fi ilma isaa Solomooniititti, huji ifii hujane.46Bara durii, bara Daawitiitii fi Asaafii, sooreyyiin faarfattootaa, faaruun leellisa Waaqaatii fi Waaqa galateeffatiisaalle hin jiraniiyyu.47Bara Zerubaabeliitii fi Nahimiya'aa Israa'elooti marti faarfattootaa fi eeddota karraatiif qooda isaanii guyyuma guyya'aan hin kennan. Kolbaa Lewwootalle'eef qooda isaanii kennaa turane; Lewwootille waan qooda ifii irraa hayyootaafhin kennaniiyyu.