Naahoom3gaz_bib

Nanawweef Wayyoo

1Magaalattii dhiigaatiif,kan sobaan guutamteef,kan saamichaan guutamteef,kan warri hammina hojjetan keessaahin dhabamne sanaaf wayyoo!2Iyyi qaccee,kakaksuun gommaa,gulufuun fardaa,didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!3Abbaan fardaa ni gulufa;goraadeen ni balaqqisa;eeboon ni calaqqisa!Balaan hedduun nama irra gaʼeera;namni baayʼeen duʼeera;reeffi lakkoobsa hin qabu;namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;4kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu,giiftii falfaltootaa,kan sagaagaltummaa isheetiin saboota,tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.
5Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Ani sitti kaʼeen jira.Ani uffata kee fuula keetti ol soqola.Ani sabootatti qullaa kee,mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.6Ani xuriidhaan sin faala;akka malee sin tuffadha;waan kolfaa illee sin godha.7Namni si argu hundi sirraa baqatee,‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha.Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”
8Ati, Nooʼi Amoonbiyya laga Abbayyaa irraakan bishaaniin marfamte sana caaltaa?Lagni daʼoo ishee ti;bishaanis dallaa ishee ti.9Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha;Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.10Taʼus isheen boojiʼamteebiyya ormaatti geeffamte.Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irrattimiciriqfamanii dhuman.Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufataniinamoonni ishee gurguddoonni hundinuufoncaadhaan hidhaman.11Atis ni machoofta; ni dhokattas;diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.
12Daʼoon kee hundi mukkeen harbuukanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata;yeroo mukkeen sun hurgufamanittiiji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.13Mee raayyaawwan kee ilaali;isaan hundinuu dubartoota!Karrawwan biyya keetii diinota keetiifbalʼatanii banamanii jiru;ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.
14Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu;humna hittisaa kee jajjabeeffadhu!Suphee tolfadhu;dhoqqee suphee dhiittadhu;xuubii tolfadhu.15Achitti ibiddi si fixa;goraadeenis si ciccireeakkuma korophisaas si barbadeessa.Akka korophisaa hori;akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.16Ati hamma isaan urjii samii caalaabaayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta;isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisaniiergasii barrisanii deemu.17Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti;qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaakan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti;yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu;namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.
18Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu;namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru.Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabaniitulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.19Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu;miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha.Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuukufaatii keetti harka walitti rurrukuta;gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaaneenyutu hin miidhamin?