Naahomii Raagichaa3gax_twf

Nanawwe'eef Aanne'e

1Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu,ka sobaan guutame, ka saantu'uun guutame,ka booju'uun guutame, Nanawwe'eef aanne'e!2Worcaqqeessi liche'eetii fi kokokkeessi korbo'oo,hididdeessi fardaatii fi gugukkeessi garreettaa fardaa,hin dhage'ama!3Abbootiin fardaa hin gulufan,shallaagaan isaanii hin billiccisa,woraanni isaanii hin calaqqisa;nami hedduun waan ijjeefameef,reeffi tuulameera;reeffi hedduu waan te'eef,gufuu isaanitti te'eera!4Ati ta xanoo xantu,ta ilatti toltu sababa sagaagala keetii tun teete;ati sagaagalummaa teetiin kolbaa garboonsitee,xanoo teetiin gosa biyya adda addaalle gurgurte.5Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade,«Nanawwe'e, ani si morma;uffana keeti si irraa shooqee fuula keetitti buqa ;gosi marti qullaa keeti,mootummaalle salphinna keeti akka dhaggitu godha.
6«Ani huura sitti gata,si tuffadha ,akka si daaw'atanulle godha.
7«Achiin duuba worri si daaw'ate marti si irraa baqataa,‹Nanawween baddeerti; eentu bowaaf?› jedhan;ka si jajjabeessu ani eessaa siif dhagga ree?» jedhe.
8Nanawwe'e, ati qachaa Tebesii ,ka laga Nayilii biraa,ka bisaan marseeru,ka kaabiin isaa abbaaya'aa,ka bisaan akka dalleyaa marseeru hin caaltaa?9Qachaan Tebesii loltoota Itoophiya'aatii fi Gibxi'iita haga hin qanneen eegameera;Worri Fuxiitii fi Liibiya'aalle qarqaartota Tebesii ti.
10Te'uu malee worri Tebesii qabamanee,booji'amaneeran;daa'immaan isaaniillewoldeennaa kara'aa mara irratti,dhaka'aan tumamanee jijjiganeeran;qondaaltota Tebesii irratti hixaa buufataneeran;worri gugurdaan Tebesii martiwodaroo sibiilaatiin hidhaman.11Nanawwe'e, atille hin machootta,gara dhokaataa hin ideenta;diina duraa addee itti baqattuhin barbaaddatta.12Kusheen teeti mara akka muka harru'uuka midhaan qara bilchaatee ti.Yoo hargufame,afaan worra nyaatuu keessa harca'a.13Loltoota teeti ilaali;isaan akka dubarti'ii ti.Balbalti biyya teetiidiinota keetiif badhattee bananteerti;danqaraa balbalootaalle ibiddi fixeera.14Diinaan waan marfantuuf,bisaan woraabbadhu,kushee teeti jabeeffadhu;biyyee faaraa sukkuumii,dhiitii qopheessii,faara loobame huji!15Achitti ibiddaan gubata;shallaagaalle'een kukkutanta.Ibiddi akka awwaannisaa si fixa.Akka awwaannisaatii fiakka korophiisaa horuma hori!16Ati urjoota gubba'aa caalaa,daldaltoota teeti fakkanfatteerta.Isaan akka awwaannisaabiyya qorranee ka'anee badan.17Eeddoti teeti akka korophiisaa ti;qondaaltoti teeti akka korophiisaGuyyaa qabbanaadalleya irratti heechatee ti.Yennaa aduun baatu, koolaan ka'ee deema;gara inni dhaqe eennuulle hin beeku.
18Ee mootii Asoorii,eeddoti teeti muganeeran;qondaaltoti teeti dunquuqqowaneeran.Kolbaan teeti gaara irratti bittinnootteerti;nami isaan wolitti qabulle hin jiru.19Miidhama keeti nami goomsu hin jiru;madaan teeti hin fayyitu.Nami oduu jinnana keeti dhage'e martigammadaan harka dhowa.Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qannejalaa bayeeru jiraa ree?