Naahoom2gaz_bib

Kufaatii Nanawwee

1Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera.Daʼoo eeggadhu;karaa ilaalladhu.Mudhii kee hidhadhu;humna kee hunda walitti qabadhu!
2Yoo balleessitoonni isaan onsaniimukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu,Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sanaulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa.
3Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha;gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru.Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana,sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa;eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.4Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu;oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu.Isaan guca bobaʼu fakkaatu;akkuma bakakkaas ni darbatamu.
5Inni gootota isaa ni yaadata;isaan garuu karaatti gufatu.Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu;daʼoonis qopheeffameefii jira.6Balballi lageenii banamaa dha;masaraan mootummaas ni jiga.7Magaalattiin qullaatti hambaaakka boojiʼamtu murteeffameera.Xomboreewwan isheeqoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.8Nanawween akkuma haroo ti;bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma.Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu;garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.9Meetii saamaa!Warqee saamaa!Maddi ishee, badhaadhummaankuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!10Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti!Lapheen baqeera; jilbi laafeera;dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.
11Holqi leencotaa,iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran,iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan,saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?12Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate;leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese;boolla isaa waan adamseen,holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.
13Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;“Ani sitti kaʼeera;ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha;goraadeen leenca kee saafela ni fixa.Ani waan ati adamsattu tokko illeelafa irratti siif hin hambisu.Sagaleen ergamoota keetiilammata hin dhagaʼamu.”