Naahomii Raagichaa1gax_twf

1Mudhiin marroo Nanawwe'ee, kitaab mudhi'ii ka Naahomii nama biyya Elqoshii kana.

Waaqi Nanawwe'etti Mufate

2Waaqi hinaatticha;Mootii Waan Maraa ka haluulle bawu;inni mufii jadduu ifiitiindiinota ifii irratti balaa buusa.3Waaqi hunnaa guddoo qaba,ammoo ariifatee hin aaru;Yakkaamessa adabu male hin lakkisu.Karaan isaa bubbe'ee fi danbalii keessa;duumensi bukuu miila isaa ti.4Inni abbaayaa xixee hin gossa;laga maralle hin gossa;Baashaan latti marraan beekkantee fiQarmelos latti qonnaan beekkante qooraneeran;daraaraan Libaanosii harca'aneeran.5Gaaroti isa duratti hin tacho'an;koobotille hin baqan.Latti isa duratti,biyyi lafaatii fika isii keessa le'anu marti hin raafaman.6Mufii isaa jadduu dura eentu dhaabbatuu dande'a?O'a aarii isaa eentu dande'ee ossa?Mufiin isaa akka ibiddaa bobeetti;rassaalle isa duratti hin bututa.7Waaqi dansa'a;yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;8diinota ifii ammoo akka lolaa haxowuuijjumaa balleessee, dukkanatti hin ari'a.9Isin maaf Waaqa irratti mala dhoottan?Inni ijjumaa isin hin balleessa;lammeessoo nami isa irratti ka'u hin jiru.10Isin worri machoottanu,akka qoree wol xaxxeetii fiakka hicaacee goddee hin gubattan.11Ee Nanawwe'e, nami Waaqa irratti mala dhowu,ka waan hantuu gorsulle,si keessaa ka'e.12Mootiin Waan Maraa,kolbaa ifii Israa'eliin, «Worri Asoorii hunnaameyyi'ii fihedduu te'anulle,ijjeefamanee, hin badan.Kolbaa tiyya, tanaan dura ani isin rakkisulle,yoona deebi'ee isin hin rakkisu.13Amma ani waanjoo worra Asoorii isin irraa cassee,wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhantaneisin irraa hin ciccira» jedhe.14Mootiin Waan Maraa marroo worra Asoorii,«Haganaa achisanyiin maqaa keessan waansittu hin jiraattu;galma waaqota keessanii keessaawaaqota dharaa fakkii bocantee fifakkii baqisiifantee hujantee hin balleessa.Isin worra bu'aa hin qanne waan teeteef,boolla awwaalaa isiniif hin qota» jedhee ajaja baaseera.
15Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu,ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara.Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef,haganaa achi biyya teessan hin qabatanu.Tanaaf, gammadaan jilifadha'a.Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a.