Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo
1Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse'ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane.2Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu'uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri'iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane.3Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maanguddoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu.4Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu.Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.5Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane.6Yesuus deebisee, «Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo.7Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, na waaqonfatuun isaanii gatii hin qabu› jedhee ka raage dhuga'a.8«Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan» isaaniin jedhe.9Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettanee ajaja Waaqaa didu'uuf mala dansaa qaddan.10Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera.11Isin ammoo nami abba'aa fi haadha ifii gargaaru'uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te'eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe,12duuba inni deebi'ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu.13Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu'uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.Waan Nama Batteessu
14Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa'aatii hubadha'a!15Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [16Gurra dhage'u nami qabu dhage'uu ti]» isaaniin jedhe.17Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane.18Inni ammoo, «Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu?19Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati» isaaniin jedhe. Tana jechu'uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise.20Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa.21Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu,22gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u.23Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
24Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne.25Dubartiin takka, ta intalti isi'ii ayyaana hama'aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde.26Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya'aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi'ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte.27Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun dansa'aa moti» isi'iin jedhe.28Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle'ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.29Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi'iin jedhe.30Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi'ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.Yesuus Namicha Gurra Duuda'aa Fayyise
31Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe.32Jarri takka, namicha gurra duuda'aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.33Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe;34gara ol-gubba'aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u.35Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.36Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane.37Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa'a! Worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.