Wongeela Maarqoosii4gax_twf

Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu

1Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu.2Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee:3«Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye.4Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte.5Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe.6Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge.7Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune.8Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!» jedhe.9Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe.

Mammaassi Maaf Akka Barbaachise

10Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane.11Yesuus deebisee, «Dhossaanmootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama.12Wonni himamuufille,«‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle,ijjumaa akka hin dhaggine;dhage'anee dhage'aneelle,ijjumaa akka hin hubanne;gara Waaqaa deebi'aneeinnille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.

Hiikkaa Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu

13Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree?14Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa.15Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti.16Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti.17«Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaanyennaa ka'u yoosuma jigan.18Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti.19Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan.20Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe.

Mammaassa Ifa Gombisoo Jalaa

21Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii?22Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati.23Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe.24Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama.25Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe.

Mammaassa Midhaan Ifumaan Mudhee Guddatuu

26Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti.27Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata.28Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa.29Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe.

Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii

30Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna?31Isiin akka midhaan Sanaafici'iiti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata.32Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe.33Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime.34Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike.

Yesuus Bubbee Cadhisiise

35Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe.36Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane.37Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliinbisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette.38Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.39Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.40Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.41Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.