Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise
1Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.2Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu.3Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe.4Achiin duuba jaralle'een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane.5Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye.6Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.Gumiin Guddoon Gara Yesuus Dhutte
7Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii,8qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.9Gumiin guddoon sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime.10Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.11Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.12Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
13Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane.14Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu,15durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.16Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase,17Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo'anerges» jedhee moggaase; akkas jechuulle, «Ilmaan Mandiisu'uu» jechu'u.18Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi19Yihudaa nama qachaa keriyootii, ka isa dabarsee kenne.Yesuusii fi Bi'el Zebul
20Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.21Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.22Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi'el Zebulisa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.23Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande'a?24Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti.25Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti.26Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.27«Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a.28«Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama.29Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.30Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.Haadhaa fi Obboleeyyan Yesuusii
31Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane.32Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.33Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe.34Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana!35Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.