Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
1Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.2Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.3Sooreyyiin hayyootaa waan heddu'uun isa himatane.4Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate.5Yesuus ammoo, ammalle womaa hin deebinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.Yesuusitti Du'a Murane
6Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.7Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.8Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte,9inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate.10Inni sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.11Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.12Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.13Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane.14Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate. Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane.15Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.Loltooti Yesuusitti Taphatane
16Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane.17Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane.18Achiin duuba isaan, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane.19Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiiffatanee, isaa sagadane.20Isaan itti taphataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.Yesuus Fannifame
21Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.22Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqii mata'aa» jedhantu geessane.23Achitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate.24Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane.25Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii saatii sad.26Beessisi yakkaa inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha.27Isaan alagaltootalamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [28Akka kanaan Barreeffam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin laakkowame» jedhu muummowe.]29Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu!30Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa Yesuus arrassane.31Akkasuma sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u!32Inni Masiihii, Mootii Israa'el yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffanna!» jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrassane.Du'a Yesuusii
33Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte.34Saatii sagalitti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu'u.35Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, «Dhage'aa, inni Eliyaas waamiisatti jira» jedhane.36Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjiidaadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe.37Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.38Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e.39Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.40Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.41Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.Yesuus Awwaalame
42Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa,43Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.44Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate.45Philaaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reeffa Yoseefiif kenne.46Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.47Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.