Wongeela Maarqoosii14gax_twf

Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane

1Amma, Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetiif guyyaa lamatti hafeera. Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuus attamiin akka qabanee ijjeesanu dhokaataan mari'atane.2Isaan, «Kolbaan waan raafantuuf yennaa jilaa tana hin tolchinu» jedhane.

Dubartiin Takka Bitaaniya'atti Yesuusitti Fiqiree Naxxe

3Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii irraa hujame guutuu fidde; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe.4Nami gariin ammoo aaree, «Fiqireen tun maaf akkanaan baddi?5Fiqireen tun silaa mindaa woggaa tokkoocaala'atti gurgurantee, beeseen sun hiyyeeyyi'iif hin kennamaayyu» woliin jedhanee, hincinnayanee isii malchane.6Yesuus ammoo, «Isii lakkisa'a! Isin maaf isii rakkittan? Isiin waan dansaa naaf gooteerti.7Hiyyeeyyiin yennaa maraa isiniin woliin jiran; yennuma feetane isin isaan qarqaaruu hin dandeettan. Ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu.8Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyyatti fiqiree naxxee awwaalaaf qopheessite.9Ani dhugumaan isinitti hima, biyyaa lafaa irratti Oduun Gammadaa addee lallabantu maratti wonni isiin goote kun qaabbii isi'ii te'ee himama» jedhe.

Yihudaan Yesuus Dabarsee Kenniisaaf Jaraan Wolii Gale

10Achiin duuba Yihudaan nami biyya Keriyootii barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yesuus dabarsee kenniisaaf gara sooreyyii hayyootaa dhaqe.11Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate.

Yesuus Sagalee Jila Irra Dabaramaa Barattoota Woliin Nyaate

12Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetitti, yennaa hooleen Jila Irra Dabaramaa qalame, barattooti, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee Yesuus gaafatane.13Yesuus barattoota ifii lamaaniin, «Gara qacha'aa deema'a! Nama tokko ka okkotee bisaanii kaafateeru dhaggitan. Isa faana deema'aatii,14abbaa mana inni seenuutiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a.15Achiin duuba inni kolloo mana irraa badhoo, ta meya manaatiin guutantee afante takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a» jedhee erge.16Barattooti sun ka'anee gara qachaa gudda'aa dhaqanee, waan maraa akkuma inni isaanitti hime dhaggane; sagalee Jila Irra Dabaramaalle qopheessane.17Yennaa latti galgalootte Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin dhufe.18Adoo isaan qori'itti hiiqanee nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima; isin keessaa nami tokko, ka na woliin nyaatiisatti jiru dabarsee ana hin kenna» jedhe.19Barattooti laaleffatanee, «Dhugumaan anaan jechuu keetii moti! Jechuu keetii?» jedhanee badoo bado'oon isa gaafatane.20Yesuus isaaniin, «Inni isin nama kudhanii lamaan keessaa tokko, ka na woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru.21Ilmi namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a; ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Inni adoo ijjumaa dhalatiisa dhabee jiraatee isaa woyya!» jedhe.

Irbaata Gootta'aa

22Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha'a; kun foonkiyya!» jedhe.23Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane.24Yesuus «Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu'uuf dhangala'e, ka Waaqi ittiin gondoore.25Ani dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatitti haga guyyaa daadhii Woyni'ii haareya unutti ijjumaa deebi'ee daadhii Woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe.26Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.

Yesuus Mormatiisa Pheexroosii Duraan Dursee Hime

27Yesuus isaaniin, «Barreeffam Woyyichi, ‹Ani tissee hin dhowa; hoolotille hin xexeeraman›, waan jedhuuf isin martinuu na lakkittanee hin baqattan.28Ani ammoo du'aa ka'een duuba isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa» jedhe.29Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si lakkisanee yoo baqatanelle ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu!» jedhe.30Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugumaan si'iin jedha; halkanuma kana adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedhe.31Pheexroos ammoo afaan guutatee «Ani si woliin du'uuf yoo barbaachiselle, ijjumaa si hin mormadhu» jedhe. Isaan martinuu akkasuma jedhane.

Yesuus Getesemaane'etti Daadimate

32Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin «Haga Ani daadimadhu asi tee'a'a» jedhe.33Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis ifi biratti fuudhee, gaddee laaleffatee,34isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti guddoo gadde. Isin as tura'a; dammaqa'a» jedhe.35Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, «Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana na irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhee daadimate.37Achiin duuba inni deebi'ee dhufee, barattooti sadiin sun rafaneeranuun dhaggee, Pheexroosiin, «Simoon rateertaa? Saatuma takkaalle dammaxxee tee'iisaaf hin dandeennee?38Akka hin ataabanne, dammaqa'aatii daadimadha'a! Ayyaanni namaa hin halcha; foon ammoo dadhaba'a» jedhe.39Inni ammalle achi dhaqee, akkuma angafa jedhe jedhaa daadimate.40Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane.41Inni sadeessoo, yennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Isin ammalle rattanee foorfatiisatti jirtanii? Yoona geette! Saatiin geetteerti! Kunoo, Ilmi namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamaara.42Ka'aa, deemnaa! Kunoo ka ana dabarsee kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.

Yesuus Qabame

43Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin shallaaga'aa fi ulee-jirma qabatteertu, sooreyyii hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte.44Yihudaan, «Nami ani sunqadhu ka isin barbaaddanu. Isa qaba'aatii eegaa fuudha'aa deema'a» jedhee isaaniif beessisa kenneera.45Yihudaan akkuma achi geyeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a!» jedhee isa sunqate.46Maarre isaan Yesuus qabanee hidhane.47Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute.48Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akka ani yakkaamessaa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee?49Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin na hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte» jedhe.50Achiin duuba barattooti martinuu Yesuus lakkisanee baqatane.51Dargaggeessi tokko, ka woyaa qoola quncee talba'aa irraa hujante callaa uffateeru isa hordofe. Yennaa isaan isa qabane,52inni woyaa itti mulqatee, muxuqatee qullaa dheete.

Yesuus Kora Murti'ii Duratti Dhikaate

53Achiin duuba gara mana hayyicha gudda'aa, addee sooreyyiin hayyootaa, maanguddootii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanu Yesuus geessane.54Pheexroos Yesuus irraa fagaatee, haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, gula deeme. Achitti inni eeddota woliin tee'ee, ibidda qanqaammate.55Sooreyyiin hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.56Nami hedduun dharaan Yesuus himate; ammoo afaan isaanii tokko hin teene.57Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, « ‹Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara›, jedhuun dhageenneerra» jedhanee dharaan itti dhugaa bayane.59Ammoo teetuu malee wonni isaan jedhane afaan tokko hin teene.60Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, «Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?» jedhee gaafate.61Inni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, «Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata'aa si'ii?» jedhee gaafate.62Yesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe.63Hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Dhugaa dhibii maaf barbaanna?64Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?» jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane.65Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, «Eentu si dhowe? Me raagii himi» jedhaa tuntummu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale.

Pheexroos Yesuus Mormate

66Pheexroos ammalle badhinna dalleyaa keessa adoo jiruu, durroota hayyicha gudda'aaf tajaajiltu keessaa takkaan dhuttee biraan baate.67Isiin Pheexroos ibidda qanqaammatuun yennaa dhaggite, isa hubattee ilaaltee, «Atille Yesuusii biyya Naaziretii woliin jirtaayyu» jetteen.68Inni ammoo, «Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisatti jirtu kun naaf hin galu» jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite.69Ammalle durrittiin tajaajiltittiin tuun isa dhaggitee worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun nama isaanii ti!» jette.70Pheexroos ammoo ammalle mormate. Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan teeteef, dhugumaan ati nama isaanii ti» jedhane.71Inni ammoo, «Namicha isin jettanu kana ani hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e.72Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii Yesuus, «Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» isaan jedhe qaabatee, laallefatee bowe.