Wongeela Maarqoosii12gax_twf

Mammaassa Qonnaan Bultoota Fichaa Woyni'ii

1Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qonnaan bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme.2Yennaan midhaan muka woyni'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ifii erge.3Qonnaan bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane.4Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qonnaan bultooti mataa isaa dachaaneeqaanessane.5Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane.6Abbaan muka woyni'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‹Ilma kiyya hin ulfeessan› jedhee, isa gara isaanii erge.7Qonnaan bultooti sun ammoo, ‹Ka abbaa fichaa muka woyni'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf hin te'a› woliin jedhane.8Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyni'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyni'ii keessaa alatti qolaansane.9«Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qonnaan bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyni'ii san, worra dhibi'itti hin kennata.10Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e.11Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;› ta jettu hin dubbinnee?» jedhee gaafate.12Bulchitooti Yihudootaa mammaassa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane.

Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa

13Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaru'uuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane.14Worri ergamane dhufanee, «Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?» jedhaneen.15Inni ammoo kijiba isaanii beekee, «Isin maaf na xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!» jedheen.16Isaan beesee itti finnaan, «Fakki'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?» jedhee gaafate. Isaanille, «Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti» jedhaneen.17Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe; isaanille isa baaseffatane.

Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa

18Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee,19«Barsiisa'a! Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!› jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera.20Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e.21Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e.22Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute.23Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.24Yesuus isaaniin, «Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu.25Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e.26Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinnee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‹Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe.27Inni Waaqa worra jira'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane» jedhe.

Ajaja Guddicha

28Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, «Ajaja mara keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuus gaafate.29Yesuus, «Ajaji guddichi, ‹Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha.30Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin› jaaladhu.31Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‹Nama mara akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru» jedhe.32Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‹Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru› jettee ka dubbate dhuga'a.33Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaalatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaalatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala» jedhe.34Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, «Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.

Gaaffii Marroo Masiihii

35Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, «Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‹Mesiihiin ilma Daawitii ti› jechuu dande'an?36Ayyaanni Woyyichi akka Daawiti, ‹Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i› jedhu'uuf akeekeera.37Daawiti ifiifuu, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawitii te'uu dande'a?» jedhee gaafate. Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette.

Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Ifii Eeggachiise

38Yesuus adoo isaan barsiisuu, «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaalatanu,39Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a!40Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaasossanee itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan» jedhe.

Kennaa Haadha Hiyyeessaa

41Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte;42achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte.43Yesuus barattoota ifii waamee, «Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe.44Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte» jedhe.

No translations available.