1Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa.2Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera:“Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa kee qopheessu,si dura nan erga;”3“Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa;daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedheegammoojjii keessaa iyyu tokkoo.”4Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe.5Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.6Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture.7Innis akkana jedhee lallabaa ture; “Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa.8Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.”
Cuuphamuu fi Qoramuu Yesuus
9Yeroo sana Yesuus Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yohannisiin cuuphame.10Yesuus utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, samiin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge.11Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa dhufe.12Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase;13inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.