Wongeela Maarqoosii1gax_twf

Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa

1Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana.2Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti,«Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessusi'iin dura erga.3Lafa goomole'ee keessatti nami tokko ,‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a;daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!› jedhaa iyya» jedhantee akkuma barreeffante.4Yohaannisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe.5Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.6Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.7Inni, «Ka na caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti.8Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaanisin cuupha» jedhee lasse.

Cuuphamuu Yesuusii

9Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame.10Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge.11Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.

Ataabamuu Yesuusii

12Yennuma san Ayyaanni Waaqaa akka Yesuus gara lafa goomole'ee dhaqu tolche.13Yesuus lafa goomole'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaature. Achitti bineensota woliin ture; ergantooti Waaqaalle isa tajaajilane.

Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe

14Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aadabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.15Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!» jedhe.

Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame

16Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccootiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge.17Inni isaaniin, «Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe.18Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.19Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimmidhaffatanuun dhagge.20Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane.

Yesuus Namicha Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise

21Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbataitti aanuu Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee barsiise.22Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka inni itti barsiise jajane.23Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee,24«Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu teeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye.25Yesuus ayyaana hama'aan «Cadhisi! Keessalle'ee bayi» jedhee xixe.26Ayyaanni hamaan sun namicha gajassiisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye.27Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte.28Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame.

Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise

29Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe.30Yennaa inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteerti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane.31Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.32Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane.33Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante.34Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.

Yesuus Galiila'atti Oduu Gammadaa Lallabe

35Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate.36Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane.37Isaan yennaa isa dhaggane, «Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran» jedhaneen.38Yesuus ammoo, «Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male» isaaniin jedhe.39Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase.

Yesuus Namicha Tokko Fayyise

40Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te'e na fayyisuuhin dandeetta» jedhee isa gaafate.41Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.42Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.43Achiin duuba Yesuus namichaan,44«Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichattiifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.45Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iitittiture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte.