Miikiyaasii Raagichaa7gax_twf

Rakkoo Israa'elii

1Ani akka nama bona woxoo midhaan woyni'ii qocatuu waan te'eef, naaf aanne'e! Nyaatiisaaf, unkuruurri woyni'ii hin jiru; midhaan harru'uu ka ani halchu, ka dursee bilchaatulle hin jiru.2Nami addatamaan lafa irraa badeera; nami qajeelaan tokkolle hin jiru. Nami marti dhiiga dhangalaasiisaaf riphee gaada; isaan tiyyo'oon wol adansan.3Harki isaanii waan hantuu hujiisa barateera; bulchaan kennansa gaafata; abbaan mura'aa safuu fudhata; worri dureeyyiin waan barbaade muummessa; isaan martinuu wolumaan mala dhowan.4Isaan keessaa ka mara caalaa «Addatama'a» jedhamu, akka qumi'uudu'uu ti; ka mara caalaa «Qajeela'a» jedhamu, qoree caalaa bada'a. Guyyaan Waaqi isaan adabu ka worri raagotaadubbatane dhufeera; yennaan isaan waan te'anu wollaalanu amma.5Nama hin addatin; jaala keetitti addii hin godhatin. Niitii teeti ta hanqafatee rattuuyyuu waan isii woliin dubbattu jecha keeti ifi eeggadhu.6Ilmi abbaa ifii hin tuffata; intalti haadha ifii irratti, niitiin ilmaalle haadha dhirsa ifii irratti hin kaati; diinni namaa maatuma isaa keessaa hin te'an.7Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage'a.

Israa'el Hin Kaati

8Diina kiyya natti hin gammadin! Ani jigulle hin ka'a; dukkana keessa jiraadhulle Mootiin Waan Maraa ifa naaf hin te'a.9Ani waan isa yakkeef, haga inni haajaa kiyyaaf muraa naa kennutti, ani aarii isaa ta bobeettu hin ossadha. Inni gara ifaa na hin baasa; ani balchummaa isaa hin dhagga.10Achiin duuba diinni kiyya ka, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa jira?» anaan jedhu, tana dhaggee hin qaanowa; ilti tiyya jinnana diina kiyyaa hin dhaggiti; ammaayyuu akka caffaa karaa keessaa miilaan irra hin sirbama.11Guyyaan dalleya keessan ijaarattanu, guyyaan meessaa keessan badhifattanu hin dhufa.12Guyyaa san namooti keessan biyya Asooriitii fi qachoota Gibxi'ii irraa, biyya Gibxi'iitii haga laga Efraaxiisii irralle'ee, abbaaya'aa haga abbaaya'aa irralle'ee, gaaraa haga gaaraa irralle'ee gara keessan hin dhufan.13Sababa hujii worra isii keessa le'uutiif ammoo latti hin onti.

Daadimataa Fi Leellisa

14Kolbaa teeti, worra hoolota teeti te'ane, ulee teetiin tissi! Isaan amma gongomaa keessa qofii ifii, lafa oorru'uu keessa le'an. Isaan akkuma bara durii, Baashaanii fi Giil'aad keessa dheedanuu ti.15Akkuma bara biyya Gibxi'ii keessaa isaan baattee, bilbaasa nutti mudhisi!16Gosi biyya adda addaa yennaa bilbaasota kana dhaggane, hin qaanowan; hunna hin dhaban; afaan hin qabatan; gurri isaaniille hin duuda.17Isaan akka bofaatii fi akka bineensota lafa irra lowanuu bukuu hin arraaban. Goda ifii keessaa rommaa hin bayan; soda'aan gara si Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa hin deebi'an.18Kolbaa ifii worra lubbu'uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari'iin haga bara baraa hin turtu.19Ati ammalle nu mararta; yakkaa teenna hin qulqulleessita; cubbuu teenna mara qilee abbaaya'aa keessa hin buutta.20Ati akkuma bara durii abbootii teenna ta duriitiif kakatte, sanyii Yaaqoobiitiif addatamummaa, sanyii Abrahaamiitiifille marartii hin mudhitta.