Karoora Namaatii Fi Karoora Waaqaa
1Worra taqee ifii irra irkatee karoora hamaa baasuuf aanne'e! Tana godhiisaaf hunna waan qabanuuf, yennaa latti bariite hujii irra oolchan.2Isaan fichaa namaa kajeelanee, hunnaan qabatan; mana namaalle kajeelanee fudhatan; isaan mana tokko nama isaa woliin, lafa isaa woliin mirga namaa dhiitanee, karra isaa fudhatan.3Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, «Ani kolbaa tana irratti balaa fidiisaaf karoora baasiisatti jira; isin balaa san jalaa bayiisa hin dandeettanu. Yennaan sun hantuu waan teetuuf, bondhooraa ideemiisa hin dandeettanu.4Guyyaa san namooti isinitti murgaa, faaruu gaddaa tana marroo teessaniif faarsaa, ‹Nuuti ijjumaa banneerra; latti kolbaa teennaa qoqoodanteerti; Mootiin Waan Maraa fichaa keenna nu irraa fuudhee worra nu injifateef qoodeera› hin jedhan» jedha.5Tanaaf, yaa'ii Mootiin Waan Maraa keessatti nami hixa'aan lafa isiniif qoodu hin jiru.6Raagoti isaanii, «Nutti hin raagin! Marroo waan kanaa nutti hin raagin; salphinni nu irra hin gewu.7Ee sanyii Yaaqoobii, wonni akkasii hin jedhamaa ree? Ayyaanni Mootiin Waan Maraa ossa dhabee ree? Inni hujii akkasii hujaa ree?» jedhan. Mootiin Waan Maraa, «Qajeelumma'aan ka ideemuuf, jechi kiyya waan dansaa hin godhuuf ree?.8Muummee irratti isin akka diinaa teetanee kolbaa tiyya irratti kaatane; yaada lolaa adoo hin qabaatin, namoota nageyaan dabaranu irraa woyaa isaanii mulqattane.9Dubartoota kolbaa tiyyaa mana isaanii dansaa keessaa gad ariitane; isin ulfinna kiyya ijoollee isaanii irraa haga bara baraa fudhattane.10Addeen tun waan battootteertuuf, akka malee baddeerti; isiin addee foora keessanii waan hin te'iniif, ka'a'aatii asii deema'a.11«Nami dharaamessi sobu tokko dhufee, ‹Marroo daadhii woyni'iitii fi marroo untoo macheessituu hin raaga› yoo jedhe, kolbaa tanaaf raagichi fudhatama qabu isa.12«Ee sanyii Yaaqoobii, ani dhugumaan isin mara wolitti hin qaba; kolbaa Israa'elii worra baraaree hafe adduma tokko wolitti hin qaba; akka hoolee gooree keessa jirtuu, akka tika hoole'ee ta marra dheediisatti jirtuu, kolbaan lafa hin guutti» jedhe.13Ka cassee karaa banu, isaaniin dura hin deema; isaan karra cassanee keessa dabaranee, gad hin bayan; mootiin isaanii dabaree isaaniin dura hin deema; Mootiin Waan Maraalle isaan hin sooressa.