Miikiyaas1gaz_bib
1Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Waaqayyoo gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha.2Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa;lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;Waaqayyo Gooftichi,Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaadhugaa isinitti baʼa.