Miikiyaasii Raagichaa1gax_twf

1Bara moototi Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti Yihudaa irratti mootii te'aneeranu keessa jechi Mootii Waan Maraa gara Miikiyaasii nama qachaa Mooresheetii dhufee, inni marroo Samaariya'aatii fi Yerusaalemii mudhii dhagge.

Gadda Samaariya'aa Fi Yerusaalemitti Te'u

2Isin gosi biyya adda addaa marti dhage'a'a!Biyyi lafaa, worri isii keessa leetanu marti caqasa'a!Goottaan Mootiin Waan MaraaGalma ifii woyyicha keessaa isin irratti dhugaa hin baya.3Kunoo, Mootiin Waan Maraa addee leetoo ifii irraa dhufiisatti jira;inni gad dhufee, qaccee gaarotaa irra hin ideema.4Gaaroti akka gagaan ibidda biratti baqu, isa jalatti hin baqan;dhooqille akka bisaan goodda irra gad yaa'u qotuutitti hin baqaxxi.5Wonni kun martinuu sababa yakkaa Yaaqoobiitiif, sababa cubbuu kolbaa Israa'eliitiif teete; Yaaqoob akka yakku ka godhe eennu? Samaariya'aa motii ree? Addeen waaqonfanna'aa ta kolbaa Yihuda'aa tam ree? Yerusaalemii motii ree?6Maarre Mootiin Waan Maraa, «Ani qachaa Samaariya'aa caccassee alatti hin tuula; addee muka woyni'ii itti dhaabanu isa hin godha; dhakaa isaa gara dhooqaa gad hin buusa; hundee isaalle qullaa hin hambura.7«Waaqoti dharaa ka qachaa Samaariya'aa marti hin bututan; kennansi galmaa qachaa Samaariya'aatiif kenname marti ibiddaan hin gubama; ani fakkii qachaa Samaariya'aa mara hin balleessa; kennansi qachaan Samaariya'aa sagaagalummaa irraa dhaggate, ammalle deebi'ee hujii sagaagalumma'aatiif hin te'a» jedha.

Kolbaan Wiiccifattee Hin Bootti

8Waan kanaaf ani bowee hin wiiccifadha; miila duwwaa, nafa qullaa hin ideema; akka jeedalaa iyyaa, akka urungu'uu hin bowa.9Madaan qachaa Samaariya'aa waan hin fayyineef, gara biyya Yihuda'aa babadhatteerti; gara karra Yerusaalemii ta kolbaa tiyyaatuu geetteerti.10Qachaa Gaatii keessatti waan kana hin odeessina'a; qachaa Aakoo keessatti hin bowina'a; qachaa Bet-le'aafra'aa keessatti bukuu keessa gangaladha'a.11Isin worri qachaa Shaafiirii keessa leetanu, qullaa teessan qaani'iin dabara'a. Worri qachaa Saanaanii keessa le'u keessaa gad hin bayu. Worri qachaa Bet-ezelii keessa le'u hin bowan; isin qarqaariisaafille hin dande'anu.12Mootiin Waan Maraa balaa hamaa karra Yerusaalemiititti waan buuseef, worri qachaa Maarootii keessa leetanu rakkoo jalaa bayiisaaf worwaatan.13Isin worri qachaa Laakiishii keessa leetanu, garreettaa fardaan harkifamu farda isa harkisutti hidhadha'a. Yakkaan Israa'elii isin keessatti waan dhagganteef, worra Xiyoonii isinittuu cubbuu hujuu jalqassiise.14Tanaaf isin qachaa Mooresheet-gaatii gad hin lakkittan; kolbaan qachaa Akziibii mootota Israa'elii hin soban.15Isin worra Maareshaa keessa leetanu, Mootiin Waan Maraa worra isin injifatu isinitti hin fida; sooreyyiin Israa'elii gara goda Adulaamii deemanee hin dhokatan.16Ijoolleen teessan ta isin jaalattanu, gara lafa ormaa booji'antee waan fudhatantuuf, rifeensa mataa keessanii haadadha'a. Mataa keessan akka mataa allaatti'ii moluu godhadha'a.