Faaruu4gaz_bib
1Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe?Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame!Dhagaawwan iddoo qulqulluufiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.2Ilmaan Xiyoon kanneen akkawarqee qulqulluutti ilaalamaa turan sunamma akkamitti akka okkotee supheetti,akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!3Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuufharma isaanii ni kennu;sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjiigara jabeessa taʼeera.4Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmaniilaagaatti maxxana;ijoolleen buddeena kadhatti:garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.5Warri dur cidha nyaachaa turan,rakkatanii daandii irra jiru.Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turanharʼa tuullaa dikee hammatu.6Adabbiin yakka saba kooadabbii yakka Sodoomkan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqintasa badde sanaa caalaa guddaa ture.7Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu,aannan caalaa adaadii turan;dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa,bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.8Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru;daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru.Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera;akka mukaas gogeera.9Warra beelaan dhumanii mannaa,warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya;Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabaniibeelaan alatti goggoganii dhumu.10Yeroo sabni koo dhumettidubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiinakka nyaata isaanii taʼaniifijoollee ofii affeelan.11Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise;aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase.Xiyoon keessattisibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.12Akka diinonni yookaan amajaajonnikarrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan,mootonni biyya lafaayookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.13Garuu wanni kun sababii cubbuuraajota isheetii fi balleessaa luboota isheekanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaadhangalaasan sanaatiif taʼe.14Isaan akkuma jaamotaadaandii irra gatantaru.Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyettiakka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.15Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa!Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu.Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittissaboonni Namoota Ormaa gidduu jiran,“Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu.16Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse;inni siʼachi isaan hin eegu.Luboonni hin kabajamne;maanguddoonni surraa hin arganne.17Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaaniji keenya dadhabe;gamoo keenya irra teenyeesaba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.18Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeefnamoonni tarkaanfii keenya eegu.Dhumni keenya dhiʼaateera;guyyoonni keenyas gabaabataniiru;badiisni keenya dhufeeraatii.19Warri nu ariʼanrisaa samii caalaa saffisu;isaan tulluuwwan irraa nu ariʼaniigammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.20Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe,kiyyoo isaaniitiin qabame.Nu waan gaaddidduu isaa jala,Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.21Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattuati ililchi, gammadis.Garuu xoofoon sun siifis ni kennama;atis machooftee qullaa kee hafta.22Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma;inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu.Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe;hammina kees ifatti baasa.