Gadda Ermiyaasii4gax_twf

Diigama Yerusaalemii

1Worqiin attam calalaqa ifii dhaddee,worqiin qulqulluun attam jijjiirante!Dhakaan Galmi Waaqaa ittiin ijaarameattam karaa irratti bittinnowe!
2Ilmaan Xiyoonii worri durakka worqii gatii guddo'ootitti ilaallamanuamma attam akka faaraharka namaatiin hujamee te'ane!
3Jeedaltinuu ilmee ifiiharma hoosifatti,kolbaa tiyya ammoo akka guchiin gammoojji'iiilme'etti gadhaa jabaatu teeteerti.
4Dheebuu bisaaniitiinarrabi ijoolle'ee laagada'atti goge.Jjoolleen sagalee kadhatti;ammoo ka itti kennu hin jiru.
5Kolbaan dur waan dansaa nyaataa turtekaraa irratti beelaan dhumatte;worri dur woyaa dhiillee uffatee guddateamma tuulaa daadha'aa irra irkate.
6Adabamiis kolbaa tiyyaaadabamiisa Sodoom,harki nama tokkoolle adoo hin tuqindedhuma badde san caala.
7Sooreyyiin isaanii cabbii caalaa calalaqanee,aanan caalaa addaatan;nafi isaaniille dooqa caalaa dhiille'e;akki dansummaa isaaniille akka dhakaa Safiirosii tola.
8Amma fuulli isaanii cilee caalaa gurraachoweera;nami karaa irratti isaan beekuuyyuu hin jiru.Gogaan isaanii shuntuuratee lafe'etti maxxanee,akka muka gogee te'eera.
9Worra midhaan ficha'aa dhabeesuutuma suutaanbeelaan du'ee mannaa,worra shallaaga'aan du'e woyya.
10Badiin kolbaa tiyyatti yennaa dhuttedubartooti gadhi-laafeyyiinijoollee ifii harka ifiitiinnyaatiisaaf iffeelane.
11Waaqi aarii hantuu ifii buuseehundee isi'ii balleessiisaaf,Xiyoonitti ibidda gabbise.
12Moototi lafaalle te'ee kolbaan biyya lafaa,diinoti yookiin nyaaphi karra dalleya Yerusaalemiiseenuu akka dande'anu hin dhugeeffanne.
13Te'uu malee,sababa cubbuu raagota isi'iitii fiyakkaa hayyoota isi'iidhiiga worra yakkaa hin qanneedhangalaasaneef tun teete.
14Isaan dhiigaan waan battowaneefnami woyaa isaaniituu tuqu hin jiru.Isaan akka balla'aakaraa irra titimisane.
15Namooti «Isin worri battoottane, achi deema'a!Nu hin tuqina'a» jedhanee isaanitti iyyane.Yennaa isaan baqatanee joonjane,kolbaan gosa biyya adda addaa,«Haganaa achi isaan as turuu hin dande'anu!» jedhane.
16Waaqi ifumaafuu isaan bittinneesse;inni deebi'ee isaan hin ilaalu.Hayyooti hin kabajantu,jaarsoleelle fudhatama hin qabaattu.
17Akkasuma qarqaarsa adoo eegannuuilti nu dadhadde;gosa biyya nu qarqaaruu hin dandeenne irraaqarqaarsa eegane.
18Diinoti keenna waan nu gaadanuufkara'aayyuu deemiisa hin dandeenne.Muummeen teenna dhikaattee,barri keenna waan hobba'eef,guyyooti keenna laakkossatti galeera.
19Diinoti keennarisaa caalaa ariifatan;gaara irra nu ari'anee,goomolee keessalle'etti nu gaadane.
20Ka Waaqi nu'uuf muude,ka nuuti, «Hafuura jiruu teennaa ti;gaaddisa isaa jalattigosa biyya adda addaa odduu hin leena» jenne,boolla isaan nu'uuf qotane keessatti qabame.
21Isin kolbaa qachaa Edoomii,worra biyya Uzii keessa leetanu,gammada'aa ilillisa'a;ammoo muduunuun mufii Waaqaaisinitti dhufaarti;isin machoottanee qullaa deentan.
22Kolbaa Xiyoonii!Adabbiin teessan hobbaateerti;Waaqi haganaa achiboojuu keessa akka leetanu isin hin godhu.Ee kolbaa Edoomii,inni yakkaa teessan hin adabacubbuu teessanille qaaleyatti baasa.